Bitootessa 8,2016 Yuunversiitii Wallaggaa keessatti fincilli daran jabaatee itti fufee jira.hanga ammaattis barattoonni 25 ta,an miidhamanii hoospitaala seenanii ciisaa jiru.kanneen hafanis heedduudha.Kanneen gara mana adabaatti guuramani jiranis naannoo baratoota 43 kan ta,an hidhamanii akka jiran maddeen keenya nu qaqqaban ifa godhu.Baratoota halkan edaa rukutamanii hoospitaala naqamtee keessatti wallanamaa jiran keessa kan ammaaf maqaan nu ga,e :
1. Guddisaa Addisuu barataa electrical enginering waggaa 1 ffaa
2.Habtaamuu Tesfaayyee barataa urbaan engineringii waggaa 3ffaa
3.Waaqjiraa Simee barataa fiiziksii waggaa3ffaa
4.Tesfaayee Geetuu barataa compiiter saayinsii waggaa 1ffaa
5.Badhaasaa Margaa barataa fiiziksi waggaa 2ffaa
6.Addisuu Dasaalee barataa compiiter saayinsii waggaa 2ffaa
7. Malasee Duukamo barataa aarbaan engineriing waggaa 4 ffaa
8.Toofik Abbaa Tamaam barataa electrikaal engineriing waggaa 1 ffaa
9.Rattaa Baqalee barataa fiizikssii waggaa 2 ffaa kanneen hafanis heedduudhaakkuma maqaan nu ga,een isiniin geenya.
Pingback: Oromia: #OromoProtests: Gabaasa Fincila Xumura Garbummaa (FXG) Oromiyaa 2016 (March) | OromianEconomist