Godina Wallaggaa fi Shaggar Lixaa Keessatti FXG Haalaan Jabaatee Itti Fufee Oole.

Adoolessa 7,2016  Godina Wallaggaa Magaalaa Najjoo keessatti abiddi warraaqsaa Qeerroo Bilisummaan qabsiifame Wayyaanneen dhaamsuu dadhabdee rifannaa guddaa keessa galtee jirti.
Warraaqsi biyyoollessaa Qeerroo bilisummaan qabsiifame aammallee wayyaanee dhaamsuu dadhabuurraan kan ka,e uummata nagaa goollaa jirti.Godinuma kana jala kanneen jiran kanneen akka magaalaa warra jirruu fi Magaalaa Goorii keessattis Fxg bayyee jabaachuurraan kan ka’e qeerroon tarkaanfii boonsaa basaastotaa fi jala deemtota wayyaanee kan ta,an irratti tarkaanffii qabeenyaa qeerroon fudhateen manni barsiisaa girshaa kan jedhamuuf mana Dura ta’aa gandaa kan ta’e Gammachis Hodee jedhamu guutummaan guutuutti barbaddeesaniiru. Manni barnootaas edda addaan citee naannoo kudha afurii ta.e jira.Yeroo ammaa kanas mootummaaan wayyaanee fincila kanaan rifannaa keessa seenuun uummataaf baratootaan gara barnootaatti deebi’aa jechuun uummataan immoo ijoollee keessan dirqamaan akka mana barnootaatti ergitan jechuun uummatasf baratoota doorsisaa jiraachuu Qeerroon gababase.
Kana malees Godina Sahaggar Anaa ABUNAA Gindabaratti guyya kalleessa jechuu gaafaa guyya 27/6/08 halkaa keessaa sa’aa 2:30-4:00 tti waraqqaallee gargaaraa maxaansaa kan turee magaaala bakkee qalaxee keessatti ganamaaa isaa bartootni Anaa saan barnoota osoo deemaa jirni,bartoota fi jirtoota irratti reebichaa cimaa irran ga’aa kan ture humni garboonfaatan gara moormiitti jijjiramee ummani fi bartootni wali ta’an qabsoo cimaa irra kan jiran yoo ta’u.yero amma immo gibiraa mootuma kanafuluu didan jechudha ummata reebbaa kan jiranjdha.

1 thought on “Godina Wallaggaa fi Shaggar Lixaa Keessatti FXG Haalaan Jabaatee Itti Fufee Oole.

  1. Pingback: Oromia: #OromoProtests: Gabaasa Fincila Xumura Garbummaa (FXG) Oromiyaa 2016 (March) | OromianEconomist

Leave a comment