Godina Wallaggaa Magaalota Hedduu Keessatti FXG Gaggeefamaa Oole.

Godina Wallagga Horro Guduruu aanaa Guduruu magaala Baaroo keessatti Guraandhala 4-5 /2016 kaleessaa irraa kaasuudhaan har’a FXG kan itti fufan barattootni fi jiraattootni aanichaa olaantummaa ABO fi Qeerroo faarsaa ooluu Qeerroon gabaasee jira. Daandiwwan diinatti cufuudhaan uummanni alaabaa qabachuun FXG finiinsaa jiran. Godina wallagga bahaatti Jimmaa Raaretti magaala Goobban har’a kaleessaa irraa kaasuun barattootni walitti dhufanii sirba qabsoo fi dhaadannoo dhageesisaa oolan har’a bakka jiranii barattootni walitti dhufuuudhaan diina dura harka qullaa dhaabbachuudhaan dhaadannoo isaanii dhageessisaa jiru.
Aanaa Amuruutti manneen jireenyaa kaabinootaa 3 humni addaa tarkanfi fudhatu uummata keessa goruudhaan barbadeesseee jira. walumaa galatti godina Horroo Guduruu fi Baha wallaggaatti magaalota kanneen akka Shaambuutti daandiwwan hedduun cufamani jiru. Uummanni kana booda mootummaa Wayyaanee ofirra kaasuu qabna jedhee murteeffatee ka’eera. Humni diinaa oromyaa keessa buufatee jiru comaandi post jedhamu magaala Naqamtee fi kanneen akka Amuruu, Shaambuu fi kkf keessatti ramadamee uummata irratti dhukaasa banuun ammallee akka hin dhaabne Qeerroon gabaasee jira. Dhaabbilee barnootaa hedduu keessatti barattootni hedduun ukkaamfamaa jiru.
Kana malees Godina Wallaggaa lixaa Magaalota akka Gimbii, Najjoo, Warra Jirruu, Goorii, Qilxu kaarraa fi Magaalaa Mandii keessattis fxg daran jabaachuurraan kan ka,e mootummaan wayyaanee raafama guddaa keessa seenee jira.Duulli geejiba dhaabuus haala jabaa ta’een itti fufuun guutummaan guutuutti dhaabbatee jira.Mootummaan faashistii wayyaanees sodaa fincila kanarraan kan ka’e uummata nagaa doorsisaa jiraachuun maddeen keenya argane Magaalaa Naqamteekeessatti jabaachuun guyyaa har’aa kanas Konkolaataa dhaabuu Konkolaachiftoota magaalaa Naqamtee keessa jiraniin jaabaatee itti fufee jira.Duuli taakssii dhaabuu fi baajaajotaa kun guyyaa lammaffaaf itti hojiirra oolee jira.
Guyyaa har’aa 05,03,2016 konkolaachistonnii magaalaa Naajoo wal ta’uun konkolaatan gara kamiitu akka hin sochoneef…konkolaachisu dhabanii jiru. Kalleessa galgalaa magaalaa naajoottii dargagonnii gara manaa hiidhaatii gurrama jiru….Kana malees Dargaggoo Eliyaas jedhamu barruu Qeerroo Bilisummaa facaafte uummataaf raabsiteetta sababa jedhuun haalaan reebamee jaallan isaa kaan waliin mana hidhaa keessa jira.

1 thought on “Godina Wallaggaa Magaalota Hedduu Keessatti FXG Gaggeefamaa Oole.

  1. Pingback: Oromia: #OromoProtests: Gabaasa Fincila Xumura Garbummaa (FXG) Oromiyaa 2016 (March) | OromianEconomist

Leave a comment