Badii darbe irraa kanneen hin baranne, badii fakkaataaf akka nu saaxilan hayyamuu hin qabnu:Oromoota haga har’aatti dogoggora seenaa irraa hin baranne irratti.

Leelloo Sabaa Irraa

Badii darbe irraa maal baratnaHariiroon siyaasaa har’aan tana Impaayera Ixoophiyaa keessatti mul’achaa jiru, kufaatii Haayile Sillaasee fi Dargii jala, hariiroo siyaasaa mul’achaa tureen kan walfakkaatuu dha.Walfakkeenyi hariiroo siyaasaa yeroosi fi kan ammaa, bifaa fi ayinaan kan wal irraa dhaalame fakkaata.

Fincila ummattoota Kibba Impaayera Ixoophiyaatiin, Haayile Sillaaseen oggaa raafamu, egeree Impaayeratti irratti murteessuuf dhaaboti siyaasaa heddutu ijaarame. Dhaaboti siyaasaa kun hundi, Haayile Sillaasee kuffisuu irratti akeeka tokko yoo qabaatan illee, kufaatii isaa booda, fuuldureen Impaayeratti maal  ta’uu akka qabdu fi Haayile Sillaasee bakka bu’ee eennu Impaayeratti akka geggeessu irratti waldhabbii hundee qabu turan.

Dhaaboti kunneen keessaa, dhaabi EDU (Ethiopian Democratic Union) ykn ammo Gamtaa Dimookraatota Ixoophiyaa jedhee of moggaase, Haayile Sillaaseen nama tigreetiin bakka buufamee sirni abbaa lafaa kan Haayilee Sillaasee akka itti fufu kan barbaadu ture. Dhaaboti akka: Dargii (Koree Qandaalota Waraanaa), EPRP (Ethiopian People Revolutionary Party) ykn ammo Paartii Warraaqaa Ummattoota Ixoophiyaa, fi AESM-MEISON(All Ethiopian Socialist Movement ykn ammo Sochii Soshaalizmii Guutuu Ixoophiyaa ammoo, Haayile Sillaasee irraa aangoo fudhatanii, jijjiirraa xixiqqaa ykn fakkeessaa, kan Haayile Sillaasee kuffisanii aangoo haga qabatanitti fi  hanga aangoo isaanii cimsatan qofatti turu, fiduudhaan tokkummaa impaayeratti olaantummaa Amahaaraa jalatti itti fufsiisuu  kan barbaadan oggaa ta’u, kufaatii mootummaa Haayile Sillaasee fi jijjiirraa xixiqqaa osoo hin taane, impaayerichi hundeedhaan diigamee, ummattooti cunqurfamoon Impaayera Ixoophiyaa bilisa ta’anii hiree isaanii murteeffachuun mootummaa walaba ijaarrachuuf mirgi isaan qaban guutuutti akka kabajamuuf kan  bara 1973 ijaarame ammo ABO dha.Badii darbe irraa kan hin baranne

Leave a comment