Bitootessaa 3/2016 Godina Lixa Shaggar Aanaa Midaa Qanyiitti Mootummaan Wayyaanee uummatarratti waraana banee jira.ilmaan Oromoo lama Wareegaman.

Bitootessaa 3/2016 Godina Lixa Shaggar Aanaa Midaa Qanyiitti Mootummaan Wayyaanee uummatarratti waraana banee jira.ilmaan Oromoo lama Wareegaman.Hidhattootni milishoota ta’an namootni 60 uffataa isaanii of irraa baasuun ibiddaan gubuun sirnicha ganuun uummata cina hiriiruu uummataaf mirkaneessan. halkan edaa guutuu Aanaa Midaa Qanyii gandoota baadiyyaa hedduu keessatti sagaleen dhukaasaa jabaan dhagaa’ama bulee, Dhukaasaa Waraanni uummata irratti godheen hanga ammaatti ilmaan Oromoo lama Wareegamuun hedduun madaa’uun dhaga’ame jira. maqaa namoota wareegamanii adda baasuun isiniif dhaamuuf jirra. Namni tokko Ganda Guddaataa Gabaa Lagaa irratti wareegamee jira. Network Midaa Qanyii irraa balleeffamee jira, halli gara sana jiruu gutummaatti waan waraanni baname waan fakkaatuuf hedduu yaaddessa ta’ee jira,guutummaa gabaasa kanaa fi maqaa ilmaan Oromoo maddeeffamanii fi Wareegamanii qabannee isinitti deebina.

1 thought on “Bitootessaa 3/2016 Godina Lixa Shaggar Aanaa Midaa Qanyiitti Mootummaan Wayyaanee uummatarratti waraana banee jira.ilmaan Oromoo lama Wareegaman.

  1. Pingback: Oromia: #OromoProtests: Gabaasa Fincila Xumura Garbummaa (FXG) Oromiyaa 2016 (March) | OromianEconomist

Leave a comment