Qophii kana Akkuma aadaa Oromootti Eebba maanguddootaan banamee. Itti aansuun Faaruun Alaabaa Oromoo farfatamee, Bakka Bu`aan Qeerroo Kalgaarii Dargaggoo Ifaa Asaanaa ummata Oromoo galma keessatti argamanin baga nagaan dhufatna jechuun erga simannaa godhaaniif Sagantaan duraa duubana akka itti fufu ibsan.
Koreen Qopheessitootaa Tumsa Qeerroo Kalgaarii Haalaa miidhagaa fi nama hawatuun uffata aadaa Oromoo fi Qomee Qeerroo Uffachuun waltajjiitti ba`uun Ummata Oromoof galataa fi kabajaa Guddaa waliin simannaa howwaa godhaniiruu.
Itti aansuun Itti gaafatamaan dhimma Qeerroo Biyyoolessaa Obbo Tashoomaa Dimee Bakka jiru irraa karaa Iskaayippiitiin Haala Hundeeffama Qeerroo, Akeekaa fi kaayyoo Qeerroon Bilisummaa ijaaramee fi yoom akka ijaarame, eessatti akka ijaarame, erga ijaaramee hanga ammaatti hojii Qeeroon Bilisummaa Biyya Abbaa isaanii Oromiyaa Weerara diinaa jala bilisa baasuuf Qabsoo FDG diina irratti Bara 2014 kaasanii hojjetaa turanii amma ammoo bifa haraan bara 2015 ji`a Sadaasaa keessa Qabsoon FDG eegalamee yeroo ammaa kana keessatti FXG tti jijjiiramee hojiilee Ji`a 4 kana keessaatti hojjetanii fi injifannoollee diina irratti galmeessan irmaatotaaf ibsaniiru. Akkasumas Qeerroon Biyyoolessaa sadarkaa Guutuu Addunyaatti erga ijaaramee Waggaa fi ji`a 2 keessaatti hojii ijaarsaa fi babal`isuu sochii Qeerroo Biyyoota 3ffaa fi biyyoota 2ffaa keesaatti deemaa jiru bal`inaan akka itti fufee jiru ibsa bal`aa ummata Oromoo walga`ii kana irratti irmaataniif ibsa kennaniiru.
Koreen Qeerroo Kalgaariis jalqaba Qeerroon yeroo hundeeffamu akkamitti akka ka`ee fi maaliraatti hundaaa`ee Qeerroon dhaabbatee, Diinni Biyya Abbaa keenyaa keessumatti Lafa Oromoo irratti waan Diinni gootee Ragaa qabatamaa fi mul`ataa ta`ee Viidiyoon Waan Qeerroon waraabee ol kaa`ee dhiyeessaniiru. Miidhaa fi Roorroo ummata keenya irraan diinni dhaqqabiisaa jiru kana dura dhaabbachuun Qeerroon Bilisummaas saba isaaf ittisaa fi Baamsii inni godhaa turee fi ammas tarkaanfii Qeerroon Fudhataa jirus Viidiyoon Ummataaf dhiyaateera.
Ummatni Oromoo labsii Waraana ummata Oromoo irratti godhame kanaaf Naasuu fi sodaa tokko malee Ummata Keenya Biyya keessaa diinaan dhumaa, ajjeefamaa fi hidhamaa jiru bira ni dhaabbanna! Jechuun aantummaan Onnee guutun Qeerroo Bilisummaa fi Ummata Oromoo bira dhaabbachuu fi gargaarsa godhuuf Tumsaa fi dirmannaa qabsoo godhu isaaniif galata Guddaa qabdu jedhaniiru.
Ummatni Oromoo lola waraanaa Ilmaan Tigiraayii Wayyaaneen irrati labsame kana Gamtaa fi tokkummaan Sabni Oromoo kan biyya keessa fi biyya alaa jiru Diina Nu weeraraauuf Lola nurratti labse kana ofirraa qolachuu fi dura dhabbachuuf qophii ta`uu isaa tokkummaa fi gamtaan mul`see jira.
Ummatni Oromoos Yaada Wal ga`ii kana irratti kennataniin, Nuti sabni Oromoo nagaa barbaanna. Qee fi qabeenya keenya tikfannee biyya Abbaa keenyaa Oromiyaa keessaatti nagaa fi tasgabbiin jiraachuu barbaadna. Nuti Sabni Oromoo saba qee isaa fi ollaa isaafillee nagaa hawwudha.
Ammoo Mootummaatni Habshaa wagaga 150 ol ummata Oromoo qee isaatti ajjeesaa, hidhaa, qabeenya isaa saamaa biyya isaa irraa fudhachuun ummata Oromoo qee dhabilee godhanii Iyyoomsaa jiru.
Mootummaan wayyaanee ilmaan Tigiraayiin durfamu kun yeroo ammaa Oromiyaa irratti waraana labsee ummata Oromoo Dubartii garaa qabdu ykn Dubartii Ulfaa rasaasaan galaafatee ilmoo gaaratti lubbuu baasaa, haadhaa fi ilmoo rasaasaan bakka tokkotti galaafataa jira. Addunyaa kana irratti waan ilmi nama a hin raawwanne Wayyaanee Ummata Oromoo irratti raawwataa jirti. Kun gochaa Bineessummaa malee waan dhalti namaa raawwatuu miti jechuun balaalleffataniiru.
Hawwan Waggaa 60 fi maanguddoota wagaga 70 ajjeessaa jirti. Haadhaa fi ilmoo walirratti rasaasaan fixaa jirti. Daa`iman wagaga 4 fi 7 ajjeessaa jirti. kun ta`e jedhee Lola sanyii duguuggaa fi Ummata Oromoo lafarraa balleessuuf Akka Saganteeffatee hojjetaa jirti Gochaan wayayanee kun ragaa dha. Seenaafis kan dagatamuu miti. Kanaaf nuti Ummatni Oromoo biyya alaa jirru akka saba Oromootti Ummata keenya Ala jiraniif waamichi goodhuu fi dhaamsi lammummaa dabrsinu,
1. Ummatni Oromoo kan biyya alaa jirtan kan dhiigaan Oromoo taatan hundi keessan har`a yeroo ummatni keenya Biyya keessaa Lolli waraanaa irratti labsamee Waraanni irratti deema a jiru Nuti kan biyya alaa jrru ummata keenya dhumaa jiruuf Waan dandeenyuun dirmachuu qanna.
2. Dhaabilee siyaasaa Oromoo kan biyya keessaa fi biyya alaa jirtan Lola Wayyaaneen Ummata Oromoo irratti labsite kana Qolachuuf utuu oolee hin buliin gamtaa fi tokkummaa uumatanii daftanii Ummata Oromo keessaa fi alaan qindeessuun FXG kanaaf akka dirmatanii fi Qeerroo Bilisummaa waliin hiriiran akka gootanii fi ga`ee fi qooda Hoganuummaa fi ga`ee hogummaa fi dandeettii keessanii akka gumaachitan isniif dhaamna.
3. Ilmaan Oromoo kan biyya keessa jirtan nagaa fi qabbanaa qee fi mana keessan keessa jiraachuu hin dandeenye. Harka duwwaa Diina meeshaa waraanaa hanga fudhaaniitti hidhatee Lola isinirratti labse kana Gootummaan dura dhaabbataanii Bilisummaa saba keessanii fi walabummaa biyya keessaniif wareegama ulfataa baasaa jiratna Guddoo waan lammii boonsee dha! Diina Waaroo salphinaa aguuggachiise dha. Kanaaf Ammarraa kaaftanii Eeboo, Mancaa, Qottoo fi waraana qabdan hund a qabattanii kaatanii Diina Lola isinirratti labse kana akka ofirraa ittifatnii fi gootummaa Aabbootii keenya durii seenaa aarromsitan ininiif dhaamna.
4. Gootota Qeerroo Bilisummaa, Gootota Barattoota Oromoo, maanguddoo fi Hawwan Oromoo walumaa gala hawaasni Oromoo biyya keesaa tokkummaan Bilisummaa saba keensanii fi Walabummaa Biyya keessaniif wareegama hanga ammaa baaftan keessaatti gamtaa fi Tokkummaan waan hojjettaniif Diina injifattani. Tokkummaan saba Oromoo biyya keessaa Ummata Oromoo biyya aalaafis fakkii gaariid ta`uu qaba jenna.
Akkasumaa Ummatni keenya bakka jiruu Gamtaa fi tokkummaa saba Oromoo cimsatee Diina kana ofirraa kaasuuf bakka jirruutti waan dandeenyu akka Hojjennu waamicha lammummaa fi Oromummaa isniif goona.
5. Abdiif i Gaachana Ummata Oromoo WBO! yeroo ammaa Ummatni Oromoo dhumaa jira. Yeroon ati akeekaa fi kaayyoo kaleessa baatee fi irbuu saba keetii itti dhugoomsitu yeroon isa amma jenna. kanaaf WBO bakka jirtuu Ummata kee dhumaa jiruuf akka dhaqqabduuf jechuun kabajaan isin gafanna.
6. Ilmaan Oromoo kan humna waraana Wayyaanee keessa jiratn, humna Poolisa Oromiyaa, walumaa gala Hojjetaa Mootummaa kan taatan, Mootummaan wayyaanee Sirna bulchiinsa Oromiyaa diigdee Oromiyaa Bulchiinsa waraanaa jala galchuun ishee ummata Oromoo lafa irraa fixuuf akka ta`e ifaa dha. Egaa isinoo Motummaa saba keessan ajjeesaa, jiru kana waliin jiraattu moo? Qawwee baattan Gara diinaatti galagalchitu? Ummatni Oromoo akka ilmoo isaatti, akka qomoo isaatti Akka isin Saba keessan waliin iriirtanii Diina ummata keessa ajjeesaa jiru kana irraa ajjeeeftanii fi gummaa Qomoo keessanii baaftan isinirratti abdataa, saba keessan waliin Qabsoo FXG tti dabalamtanii Bilisummaa saba keessanii fi walabummaa biyya keessaniif akka waliin qabsoofnu waamicha keenya jabeessinee isniif dabarsina.
Xummuura irratti wal ga`ii kana irratti Miseensotni WBO duraanii , shammarran WBO, Nutis Qeerrummaa keenyaan QBOtti dabalamne. Qeerrummaa fi Qarrummaan humna Horiitoo akka qabuu fi waan fedhe godhuu akka danda`u ni beekna. Kanaaf Qeerroon Bilisummaa Kolonii fi Gabrummaa Ummata Oromoo irraa buqqisee bilisummaa Oromoo fi Oromiyaa akka mirkaneessu badii guutuu qabna! jechun dhaamsa Qeerroo Bilisummaaf dabrasanniiru. Guyyaa wal ga`ii kanaa galgala wallisoottotni Oromoo kabajamo fi jaallatamoon, Adam Haaruun, Callaa Carcar, Amartii Waarii, Elemoo Alii, Saaliyaa Saamii, Habtaamu Lamuu, Duulaa Adabaa irratti argamuun Galagala guutuu ummata Warraaqsaa fi kakaasaa turan.
Sabboontotni Oromoo Konyaa Albartaa, Edimeenten, Buruuksii fi Kalgaarii Baayyinaan tumsa Qeeroo Bilisummaa kana irratti argamuun Tumsa Dinagdee Guddaa Qeerroo Bilisummaaf gumaachaniiru.Tumsi kunis gara fuula duraatti jabaatee akka itti fufuu qabus dhaamaniiru.
Wal ga`iin Dhaamsa Qabsoo fi jajjabinaa Ummatni Oromoo waliif dhaamee fi Dhaamsa Jajjabainaa Qeerroo Bilisummaa bira haa dhabbaannu jedhuun! jedhu walitti dhaammachuun Xumuurameera.
Pingback: Oromia: #OromoProtests: Gabaasa Fincila Xumura Garbummaa (FXG) Oromiyaa 2016 (March) | OromianEconomist