#OromoProtests Waliso irraa :Waraqaan guyyaa sanbata dura irra eegalee hanga har’atti faca’aa ture har’a ganama garuu barattoonni Mana barnootaa Garasuu Dhukii Sadarkaa 2ffaa fi Mana barnootaa 2ffaa Biiftuu qoruumsa hin qoramnu hanga dhiigni ilmaan Oromoo dhangala’aa jiruu fi hidhaan Oromoo irraa dhaabbatuti jedhani dhaadannoodhan bahan barata kutaa 10ffaa Mokonin /Qeerraansoo jedhamu baayee rebame.
Barattoonnii Waliso kunneen dhaamsa barattoota hiriyoota isaanii Kan Bachoo, Sooddoo, Ammayyaa fi Oromoo guutuuf illee ka’aa qabsoon keenya itti fufa hanga Mirgii Oromoo kabajamutti kan jedhan dabarfatan jedha oduun Waliso irraa nu dhaqqabde.
Pingback: Oromia: #OromoProtests: Gabaasa Fincila Xumura Garbummaa (FXG) Oromiyaa 2016 | OromianEconomist