Amajjii 28/2016 Goot otni Qeerroo Baratto otni Oromoo Yuunibar siitii Jimmaa Waadaa Qabsoo Bilisummaa O romoo FXGf Qaban Irr aa Deebiuun Haaroms atan

Amajjii 28/2016 Goototni Qeerroo Barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa Waadaa Qabsoo Bilisummaa Oromoo FXGf qaban irraa Deebiuun Haaromsachuun Mootummaa Wayyaanee EPRDF/TPLFtti Xummura gochuuf kan jiran tauu diddaan ibsatan. Goototni Qeerroon Barattoota Oromoo Waraanaa Mootummaa Wayyaanee Mooraa Dhihaa Biyyatti Magaalaa Jimmaa keessatti argamuun halkanii guyyaa gidirfamaa utuu jiranii wareegamaa qaalii dachaan kanfaluuf qophii fi murannoo isaanii waadaa isaanii jabeessuun T-Shirt Suuraa Gooticha Oromoo Generaal Taddasaa Birruu qabuu fi Dhaamsa Lammiin barate, gaaffii mirgaa gaafata jedhuu fi Handhuurri lafa keenyaa Hin muramtu harmeen keenya Waadaa seenneerra lafeen eegna” jedhuu hojjechiifachuun Uummatanii ejjeennoo isaanii jabeeffachuun Mootummaa Wayyaanee aangoo irraa qaarisuuf qabsoo wal irraa hin Citne FXG Oromiyaa cufa keessatti adeemaa jiruu daran jabeessuun kan finiinsaa jiran tauu ibsatan.

1 thought on “Amajjii 28/2016 Goot otni Qeerroo Baratto otni Oromoo Yuunibar siitii Jimmaa Waadaa Qabsoo Bilisummaa O romoo FXGf Qaban Irr aa Deebiuun Haaroms atan

  1. Pingback: Oromia: #OromoProtests: Gabaasa Fincila Xumura Garbummaa (FXG) Oromiyaa 2016 | OromianEconomist

Leave a comment