Amajjii 14,2016 Godina Lixa Shaggar Aanaa Baakkoo Tibbeetti warraaqsi FXG Daran Jabaachuun Uummatni fi Dargaggootni Qeerroon Oromoo Gamtaa isaa jabeessuun warraaqsaan Mootummaa Wayyaanee OPDO ergamtuu Uummata Oromoo ficcisiisaa jirtu jalatti jilbeeffannee hin bulluu jechuun Dhaadannoo Qabsoon hanga bilisummaatti Mirgi hiree murteeffanna keenyaa fi Mirgootni Dimookiraasii fi Namummaa uummata Oromoof haa kabajamuu, Angawootni Wayyaanee Uummata nagaa irratti waraana ajajuun uummata siivilii ajjeesisaa jiran Angoo gadhiisuun seeratti dhiyaachuu qabu, imaan oromoo jumlaan hidhaatti guuraman haalduree tokko malee hidhamtootni Oromoo hundi sababaa Oromummaa fi Siyaasaan hidhaman hiikamuu qabu jechuun FXG Oromiyaa godinaalee cuifa keessatti jabaatee itti fufe jira.
Pingback: Oromia: #OromoProtests: Gabaasa Fincila Xumura Garbummaa (FXG) Oromiyaa 2016 | OromianEconomist