Amajjii 10,2016 Amma galgala kana FXG mooraa Yuuniversitii Haromayyaatti ka’ee jiruun dhukaasni garmalee barattoota irratti dhuka’aa jira. wayita kana amalli dhukaasa banuu wayyaaneef doorisisa tahuun isaa ifaadha. Mooraa Yuuniversiti Haromayyaa qofa miti Buraayuu naannoo Maariyamii jedhamutti meeshaa gurguddaan har’a Amajjii 10/2016 sa’a booda dhuka’aa oole. Uummanni mana isaa cufate oole. Dhukaasni gurguddaan osoo wal irraa hin cinnee kan dhuka’aa ture yoommuu tahu itti fufee galgala kanas FXG mooraa yuuniversitii Haromayyaatti barattootaan ka’een dhukaasni wal irraa hin cinne ta’aa jira. amma akka odeesi Qeeyroo mooraan ala jiraate nuun gahaa jirutti galgala keeysaa sa’a 3:00 booda barattoota irratti dhukaafamaa jiraatuudha.
Waraanni warra Itiyophiyaa Wayyaanee naannoo Yuuniversitichaa meeshaa gurguddaadhaan buufatee jira.
akkana jechun Qeeyroon amma gabaasa jira.
Pingback: Oromia: #OromoProtests: Gabaasa Fincila Xumura Garbummaa (FXG) Oromiyaa 2016 | OromianEconomist