Amajjii 10,2016 Gabaasa Qeerroo
Maddee gabaasaa Qeerroo Yuuniversitii garagaraa irraa, Yuuniversitii Madda walaabuutti FXG dhowee jiruun barattootni hedduun miidhaan irra gahaa jiru doormii isaanii keessatti cabsuun humni waraana agaazii jedhamu gocha suukkanneessaa raawwataa akka jiru irra darbee
baayeen isaanii ukkaamfamuudhaan bakkka buuteen isaanii dhabama jira.
Mootummaan Wayyaanee yeroo ammaa kanatti ilmaan Oromoo bakka namni hin arginetti geessee ajjeeessaa jiraachuun kan beekameedha kaayyoon isaa kunis barattootni kana jiilanii sodaatanii fincila dhiisu kan jedhuudha. Gochi mootummaa faashistii wayyaaneetiin raawwataa jiru kun FXG kan jabeessee argamu malee kan duubatti hin deebisne tahee jira. kanumaan barattootni dhaabbilee barnootaa olaanoo keessaa yeroo ammaa kana halkan halkan butamanii iddoo itti geeffaman dhabamaa jiru. Barattootni dhibbaan lakkaawaman halkan edaa asitti mooraa Yuuniversitii Madda Walaabuu keessaa dhabamanii jiran bakka itti geeffamanis dhabamee jira. Yeroo sadaffaa mooraa yuuuniversitii Haromayyaattii FXG itti fufee kan jiru yoo tahu ammas waraanni wayyaanee garasitti guuramaa jira. yuuniversitiilee Finfinnee, Adaamaa, Amboo, Wallaggaa,Bulee horaa,Aksum fi Maqalee fi Jimmaa dabalatee barattootni yeroo ammaa kana tokko lamaan barattootni Oromoo tahan shamarranis tahe dhiirri humna waraana wayyaaneetiin butamanii bakka buuteen dhabamuun dabalaa akka dhufe Qeerroon gabaassaa jira. Walumaa gala yeroo ammaa FXG dachaadhaan dabalee itti fufee jira Oromiyaa mara keessatti.
Pingback: Oromia: #OromoProtests: Gabaasa Fincila Xumura Garbummaa (FXG) Oromiyaa 2016 | OromianEconomist