Har’a Amajjii 8,2016 FXG godina Harargee lixaa ona Xulluu Asab Tafarii, Bordooda fi Hirna har’a adeemsifameen Alaabaan ABO fannifamuudhaan, kaanis qabatee hiriira bahuudhaan dirree injifannoo fakkeessee jira uummanni Harargee lixaa wayita kana. Kana dhaamsuuf humnootni wattaanee ramadamaa jiran guddaa tahanis uummanni humni kamuu haa dhufu FXG hamma Bilisummaa fi Walabummaa keenya ijaan arginutti hin dhaabnu jechuun ejjennoo isaa jabeeffatee FXG itti fufee jira. Harargee godina lamaanuu keessaa yeroo kana sodaan caasaa mootummaa wayyaanee keeessa jiru gadhiisaa akka jiru Qeeyroon gabaasee jira.
Kana malees humnoota tikaa fi poolisoota naannichaa uummata rakkisaa jiran irratti tarkaanfiin sirreessaa humnoota hin beekamneen akka irratti fudhatamee jiru gabaafame.
Pingback: Oromia: #OromoProtests: Gabaasa Fincila Xumura Garbummaa (FXG) Oromiyaa 2016 | OromianEconomist
Asab Tararin eessa?