Goddinni Addaa Oromiyaa Sulultaa fi Laga Xaafoo akkasumas Daadhii keessatti FDG Itti Fufee Jira.

FDG amma sa’atii kana ganama sa’a 2:30 irra eegalee barattootni fi uummanni godina addaa Oromiyaa Sulultaa, Laga Xaafoo fi Laga Daadhii
hiriira mormii isaa adeemsisaa jira.Gaaffiin uummanni dhiyeessaa jiru deebiin afaan qawwee tahuun isaa Diddaa keenya itti nu fifsiisa
jechuun Qeerroon dargaggootni oromoo magaala Sulultaa ganama kana qonnaan bulaa waliin daandii cufee hiriiree jira.
Akkasuma Laga Xaafotti uummanni maatii isaa tokko osoo hin hambisnee daanditti bahee mormii isaa dhaadannoodhaan dhageesisaa jira.Humnoonni waraanaa wayyaanees ganama Sulultaa fi Laga Xaafotti bobbaafamaa jiru.
Naannowaan Finfinnee guutummaan guututti Fincilatti hiriiruuf waamichas dabarsaa jira. Daandiiwwan guddaan gara Shaggar  kaabaa geessu cufamaa jira

1 thought on “Goddinni Addaa Oromiyaa Sulultaa fi Laga Xaafoo akkasumas Daadhii keessatti FDG Itti Fufee Jira.

  1. Pingback: Oromia: #OromoProtests: Gabaasa FDG Oromiyaa | OromianEconomist

Leave a comment