Shaggar Kaabatti Diddaan Itti Fufe, Barattoota 11 Irraa Hawaasa Yuuniversititti Telefoonni Isaanii Irra Fuudhame, Barattootni 11 Yuuniversitii Adaamaa Irraa Ukkaamfaman!

Godina shaggar kaabaa hara ganama irraa eegaluun ona Kuyyuutti bulchiinsa magaalaa Garba Gurraachaa keessatti FDGn finiinsaa jiru. Barattootni mana barumsaa sadarkaa 2ffaa fi qophaahinaa Garba Gurraachaa mana barumaa sadarkaa 1ffaa Qeeraa fi manneen barnootaa sadarkaa 1ffaa magaalaa Garba Gurraachaatti barattootni dhaadannoo dhageesisaa gara diddaa uumamaatti makamaa jiru, Onni Kuyyuu magaalaan Garba Gurraachaa yeroo ammaa kana waraana wayyaaneen buufatee jira, daandiinis cufamee humni waraanaa lukaan gara sanatti bobbaafamaa akka jiru jaallan qabsoo ona Kuyyuu irraa gabaasa taasisaa jiru. Diddaan yuuniversitii Hawaasaa kaampaasii Awaddayitti gaggeeffameen ijoollee oromoo 11 irraa telefoonni fuudhamee jiraachuu Qeerroon gabaasee jira.

1 thought on “Shaggar Kaabatti Diddaan Itti Fufe, Barattoota 11 Irraa Hawaasa Yuuniversititti Telefoonni Isaanii Irra Fuudhame, Barattootni 11 Yuuniversitii Adaamaa Irraa Ukkaamfaman!

  1. Pingback: Oromia: #OromoProtests: Gabaasa FDG Oromiyaa | OromianEconomist

Leave a comment