Mudde 10/2015 Godina Lixa Shaggar Aanaa Calliyaa Mahaalaa Baabbichaatti Warraaqsii Biyyoolessaa Oromiyaa FDG Uummata Oromoo fi Gootota Qeerroo barattoota Oromoo walitti dhufuun hanga gaaffiin mirga abbaa biyyuummaa kabajamuu fi Master Pilaaniin Finfinnee fi Labsiin Magaaloota Oromiyaa Haqamuu Qaba Jechuun Daandiin konkolaataa ganamarraa egaluun Cufuun Warraaqsii haalaan jabaatee itti fufe, Daandiin Konkolaataa Amboo gara Baabbichaa fi Geedootti dabarsuu Goommaa konkolaataa daandii irratti guuruun ibidda itti qabsiisuun daandii bakkoota 7 olitti bakkoota garaagaraatti mukkeen jijjiksuun cufan, Poolisoota Federaalaa Uummatni Of irraa ariiuun Magaalaa baabbichaa toachuun Bulchiinsa Magaalaa Baabbichaa Filatan. Mootummaan wayyaanee Humna Waraana Ittisa Biyyaa (Makelakiya) kanneen jedhaman bobbaasuun Uummata Irratti Waraana meeshaalee Waraanaa Gurguddaa Qawwee Matarayyeesii fi Meeshalee gurguddaan dhukaasni Irratti banameen ilmaan Oromoo lama(2) wareegamanii,Ilmaan Oromoo (8) Rasaasan Madeeffaman. A) Ilmaan Oromoo Barattoota lameen Baabbicharratti Wareegaman 1.Barataa darajjee Gaddisaa 2. Taammanaa Tsagaayee B). Ilmaan Oromoo Magaalaa baabbichaa Irratti Rasaasan Maddeeffaman. 1. 3.Caalaa Tashoomaa 2. 4.Shimallis Zarihuun 3. Gammachuu Araarsaa 4. Maamush Hayiluu 5. Taamirat Daggafaa 6. Gazuu Hoomaa 7. Xilahuun Girmaa 8. 5.Saxargachoow Zikiruu Aanaa Calliyaa Magaalaan Baabbichaa Gara Dirree waraanaatti jijjiiramtee jirti. Uummatni hin Gadhiifnu nu fixaa malee jechaa jira. Konkolaataan waraana Wayyaanee tokko ibiddaan Barbadoofte, Konkolaachisaan Konkolaata federala Wayyaanees tarkaanfii fudhatameen duuu madden gabaasa jiru
Pingback: Oromia: #OromoProtests: Gabaasa FDG Oromiyaa | OromianEconomist