Muddee 9, 2015 Godina Bahaa wallaggaa Aanaawwaan Heebantuu, Giddaa Ayyaanaa, Haroo limmuu, Limmuu Galiilaa, Diggaa saasiggaa,Guutoo Giddaa(Ukkee), fi Gatamaatti Goototni Barattootni Oromoo Mana Barumsaa Sadarkaa 1ffaa,2ffaa fi Qopha’ina Uummata Waliin Walitti Dhufuun Warraaqsaa FDG jabeessuun finiinsan . Gaaffiin mirga abbaa Biyyummaa, Kabajamuu Mirga Namummaa fi Mirga Dimookiraasii Gadi jabeessuun Gaafatan, Karoorri Master Pilaanii Finfinnee fi Labsiin Magaalota Oromiyaa haqamuu Qaba jechuun Mormiin uummataa haalan
jabaatee itti fufee Olee!! Daandiin konkolaataa Magaalaa giincii fi Olaankomii keessatti uummataa fi Qeerroo dargaggoota Oromoon cufame. Goototni Uummatni Oromoo fi Qeerroon dargaggootni Oromoo Waarraaqsaa FDG , Hanga bilisummaatti jedhu jabeessuun Warraaqsii Jabaan Oromiyaa keessatti gaggeeffamaa jiru daran jabaachuun Aanaawwan Heebantuu, Giddaa Ayyaanaa, Haroo limmuu, Limmuu Galiilaa, Diggaa saasiggaa,Guutoo Giddaa(Ukkee), fi Gatamaa tti Goototni barattootni manneen barnoota sadarkaa 1ffaa hanga qophaa’inatti jiran irraa uummata waliin walitti dhufuun daandiin konkolaataa Bakkoota hedduutti cufuun warraaqsaa finiinsuun MOOTUMMAAN DHUKAASEE NU AJJEESAA JIRU NU HIN BULCHU JECHUUN Ofiin of bulchina malee mootummaan akka diinatti qawween reebee nu ajjeesaa nu bulchuu hin danda’uu, hanga gaaffiin GAAFFIIN MIRGA ABBAA BIYYUMMAA FI BILISUMMAA KEENYAA NUUF KABAJAMEE, mirgi dimookiraasii fi namummaa nuuf eegamutti takkaa warraaqsaa FDG irraa hin dhaabbannu jechuun Warraaqsaa FDG itti fufinsaan gaggaassaa jiru. Dhaadannoowwaan arman gadii dhageesisuun Warraaqsii haalan jabaate.
Kana malees Muddee 8/2015 Godina Lixa Shaggar Aanaawwan Adaa’aa Bargaa Magaalaa Incinnii fi Mogor fi Aanaa Meettaa Roobii Magaalaa Shinoo keessatti Uummatni Baadiyaa fi Magaalaa fi Barattootni Manneen Barnootaa Sadarkaa 1ffaa,2ffaa fi Qopha’ina Walitti Dhufuun Warraaqsaa FDG jabeessuun finiinsan . Daandiin Konkolaataa bakkoota hedduutti Cufuu uummatni Gaaffi isaa jabeessuun Gaaffiin mirga abbaa Biyyummaa, Kabajamuun Mirga Namummaa fi Mirga Dimookiraasii nuuf Haa Kabajamu, Karoorri Master Pilaanii Finfinnee fi Labsiin Magaalota Oromiyaa haqamuu Qaba jechuun Mormiin uummataa haalan jabaatee itti fufee oolee!!
Pingback: Oromia: #OromoProtests: Gabaasa FDG Oromiyaa | OromianEconomist