
Horroo Guduruu Jaarte

Harargee Bookee
Muddee 8,2015 Godina harargee naannoo Bookee keessatti barattooti Oromoo fi uummanni Oromoo naanncihaa gamtaan ka’ee mootummaa abbaa irraa Wayyaanee balaaleffataa oole,FDG haalaan jabaatee hamma galgala kanaatti uummanni gandatti deebi’uu diduun waraana Wayyaanee of irraa ittisaa sagalee mormii isaa dhageessifataa jiraachuun beekame.
Kana malees Godina Shaggar Salaalee Aanaa Hidhabuu Abootee Goototni Barattootni Oromoo M/B Taaddasaa Birruu Sadarkaa 1ffaa,2ffaa fi Qopha’ina Uummata Waliin Walitti Dhufuun Warraaqsaa FDG jabeessuun finiinsan . Gaaffiin mirga abbaa Biyyummaa, Kabajamuu Mirga Namummaa fi Mirga Dimookiraasii Gadi jabeessuun Gaafatan, Karoorri Master Pilaanii Finfinnee fi Labsiin Magaalota Oromiyaa haqamuu Qaba jechuun Mormiin uummataa haalan jabaatee itti fufee Olee!! Daandiin konkolaataa Magaalaa giincii fi Olaankomii keessatti uummataa fi Qeerroo dargaggoota Oromoon cufame.
Godina Horroo Guduruu wallaggaa Aanaawwaan Jaardagaa Jaartee, Amuuruu, Abbay Coomani, Hagamsaa, Jimmaa Raaree fi Haratootti Goototni Barattootni Oromoo Mana Barumsaa Sadarkaa 1ffaa,2ffaa fi Qopha’ina Uummata Waliin Walitti Dhufuun Warraaqsaa FDG jabeessuun finiinsan . Gaaffiin mirga abbaa Biyyummaa, Kabajamuu Mirga Namummaa fi Mirga Dimookiraasii Gadi jabeessuun Gaafatan, Karoorri Master Pilaanii Finfinnee fi Labsiin Magaalota Oromiyaa haqamuu Qaba jechuun Mormiin uummataa haalan jabaatee itti fufee Olee!! Daandiin konkolaataa Magaalaa giincii fi Olaankomii keessatti uummataa fi Qeerroo dargaggoota Oromoon cufame.
Pingback: Oromia: #OromoProtests: Gabaasa FDG Oromiyaa | OromianEconomist