Gabaasa Mudde 05,2015
Muddee 5,2015 Godina Lixa Shaggar Aanaa Ejereetti Goototni Barattootni Oromoo M/B Sadarkaa 2ffaa fi Qopha’ina fi AAnaa Wal Maraa Magaalaa
Holotaa M/B Sadarkaa 1ffaa Gooroo Qeerransaa keessatti waarraaqsii FDG mormii karooraa Master Pilaanii Finfinnee fi Labsii Magaalota
Oromiyaa irratti sagaalee dhaadannoo Guddaa dhageesisuun Gaaffii Mirga abbaa biyyummaa dhiyeeffachuun Warraaqsaa FDG jabeessuun itti
fufan.
Mootummaan abbaa irree wayyaanee humna waraana poolisii kora bittinneessaa fi poolisii Federaalaa uummataatti bobbaasuun Oromiyaan
dirree waraanaatti jijjiramtee jirti.
Mormiin master planii itti fufuun, mana barumsa Qellem sad 2ffaa fi qopha’ina keessatti mormii jaban itti fufe jira,Akkasumas dhabbata leenji doona barbaar keessatis itti fufe jira! Hospita keessa baraattota yaalaman gadi basa jechuun gasi ija nama imimanessu hospitatti gadi dhisan! Godina Qellem Wolleggaa Dambidollotti eega mormiin itti fufe jira namoota heddus hidhaniru! Ama mani barumsa cufameera.
Pingback: Oromia: #OromoProtests: Gabaasa FDG Oromiyaa | OromianEconomist