Sadaasa 28,2015 Jaarsoo
Gaaffii mirgaa fi diddaa Mormii master Pilaanii magaalaa Finfinnen wal qabatee G/Wallaggaa Aanaa Jaarsoo keessa bartonnii 21 ta’aan qabamanii manaa hiidhaa anaanichattii darbatamanii jiru. Barattootii fi jiraattoti naannichaa mana barnootaa dhaabuun dhadatnoolee adda addaa qabatanii gaaffi dimokiraasii fi mirga namoomaa irratti hundaayeen mormii sirna abbaa irraa Wayyaanee yeroo dhageessisanitti,loltooti mootummaa Wayyaanee heddumminaan naannciha qubachuu irraan kan ka’e barattootatti dhukaasuunii fi reebichaan naannicha irraa adda tamsa’anii yeroo yaalanitti gootonni barattooti Oromoo diddaa itti fufuun walleen warraaqsaan ABO fi WBO,Qeerroo faarsaa magaalichatti naannwaa akka turan gabaasi Qeerroo addeessa.Haaluma kanaan qonnaan bultooti Oromoo Gandaa Baaboo Garjoo fi Ganda Haro biruu jedhamu keessattiis FDG haalan jabbeessuun kaabinootaa fi dabballoota Wayyaanee naannoo isaanii irraa akka bahanii fi hidhatnoo isaanii hiikkatanii nagaan saba isaanii Oromoof akka qabsaawan akeekachiisanii jiraachuun beekame.
Pingback: Oromia: #OromoProtests: Gabaasa FDG Oromiyaa | OromianEconomist