Gabaasa Qeerroo Finfinnee Sadaasa 23,2015
Dhumaatii beelaan uummattoota naannoo roobni hin geenye irra gahaa jiru daa’immaan, haadholii fi horiiwwan yeroo itti wal faana dhumaatii sukkanneessaa irra jiranitti mootummaan Wayyaanee ofii cooma muree guddina biyyaa odeessaa jira.Kan baayee nama gaddisiisu keesssaa naannowwan kun beelli itti hammaatetti nyaataan mootummaan keenya isaan deggeraa jira jechunis miillii fi harki wayyaanee kan taate jaleen OPDO’n miidiyaa irraan oduu sobaa lafa naqaa jirti kan seenan lubbuu kumaan lakkawamaa jiru gaafatullee sobuudhaan uummata beelaan dhumaa jirutti qoosan. Yeroo biyyaaf boo’ichaa wayyaanee fi jala kaattuu sheef garaa guuttachuun nyaattee uummatatti dhaadatti. Kanumaanuu kan walq abate gaaffiii uummanni Baalee aanaalee garagaraa irratti mootummaan maaliif soba gargaarsi godhame nama dhuunfaa irraa kan hafe hin agine kan warra beela’aniif kan jedhanii wayyaanee soba ishee saaxilan yeroo kana gara siyaasatti harkifamanii qabamaa kan jiran jiru. Akkasuma sadaasa 25/2015 yuuniversirii Madda walaabutti barattotni gaaffii kaasan uummata keenya obbolaa keenya beelaan dhumaniif gaddina jedhuu fi akaksuma barattootni moora yuuniversitichaa mootummaa wayyaanee balaaleffatan.