Gabaasa Qeerroo Amajjii 23,2015 Awadaay.
Filannoo Caamsaatti gaggeeffamuuf kaadhimamtoota jechuun namoota Wayyaaneen dhiyeeffataa jirtu irratti mormiin uummataa mudate.
Sirni abbaa irree Wayyaanee karaa lukkeewwan isaa OPDO godina Harargee bahaa magaalaa Awwadaayitti wal gahii gaafa Amajjii 21,2015 uummataa fi miseensota OPDO walitti qabuun kaadhimamtoota filannoo caamsaatiif kaadhimaman jechuun uummatatti beeksisuuf walitti qabe irratti mormiin jabaan uummataa fi miseensota isaa irraa isa mudate. Akka odeessa Qeerroo Awwadaay irraa nu qaqqabetti miseensota OPDO dabalatee kaadhimamtoonni kanneen namoota badii uummata Oromoo irratti dalaganii fi amantii keenya sirnaa dhiisee amantii mootummaan barbaadu dirqamaan nu irratti fe’uuf waarreen deeman waan taheef gonkumaa bakka nu bu’uu hin dandahan jechuun wal gahii walitti qabame irratti lukkeewwan Wayyaanee qaaneessuun wal gahii bittimsuun, dhaadannoo nama ‘’bakka nuu bu’u u dandahu kan filatu uummata Oromooti malee qaama biraa nu hin barbaachisu’’ jechuun sagalee isaanii dhageessifataa akka turan gabaasni nu qaqqabe ibsa.
Kanneen kaadhimamtoota jechuun uummataaf dhiyaatanii mormiin isaan mudate keessaas; –
Sheek Qamaara, nama sirna dargii keessa bakka sagadaa uumataa fuudhee waajjira taasifachuun dargii tajaajilaa ture ammas sirna Wayyaanee tajaajilaa jiru.
- Yuusuuf Qophee nama golgaa amantaan sirna Wayyaanee tajaajilaa jiru.
- Ahamad Haaruun nama amantii sirna Wayyaaneen gaggeeffamu leellisu.
- Muktaar Karroo nama waggoota kudha shanii duraa calqabee maqaa amantiin wayyaaneen walii galee hojjetu,
- Sheek Bakarii Imaam ,
- Mahaammad Aliyyii,
- Sheek Mahaammad Saalihaa kanneen
Jedhaman namoota miidhama uummata Oromoo irratti gama hundaan halkanii
guyyaa hojjetan waan taheef, balaaleffannaan uummata qofaan otoo hint a’iin miseensuma OPDO dabalatee mormiin jabaa akka isaan mudate gabaasin nu qaqqabe mirkaneessa.
Pingback: The Oromians Protest Ethiopia’s Tyrannic Rules, Its Land Grabs And The New Master Plan Of Ethnic Cleansing Against The Indigenous Oromo People In The Name of Development Expansion Of Finfinnee (Addis Ababa) | OromianEconomist