Hagayya 15,2014 Gabaasa Qeerroo Giddaa Kiiramuu
Godina Wallaggaa aanaa Giddaa Kiiramuu keessatti FDG jabaachuudhaan itti fufe. Mootummaan wayyaanee uummata naannoo kanaa olola siyaasaan afaanfaajjessuuf walgahii waamtus uummatni gamtaan walgahii kana hafuun mootummaa abbaa irree wayyaanee waaroo qaanii uwwisee jira. Uummatni walgahii kana irratti argames nuti biyyi keenya Oromiyaadha, Ilmaan keenya ajjeefamaniif mootummaan wayyaanee itti gaafatamummaa haa fudhatu kan jedhuu fi kanneen kana fakkaatan gaaffiilee abbaa biyyummaa kaasaa kan oolan yoommuu tahu dabballootni wayyaanees gaaffii kana deebisuu dhabuudhaan baaraganii jiran. Mootummaan abbaa irree wayyaanee ilmaan Oromoo irratti daldala siyaasaa bara dheeraa gaggeessaa kan as gahe lamuu akka hin hojjennes Qeerroon Wallagga bahaa addeessee jira.