Oggaa Loon Gadoodu, Ammoo Harreen Marga Dheeddi

barruuHorii keessaa kan lafa sanyiin isaa itti du’e fuunfatee irratti gadooduun gadda isaa ibsatu loon kophaa dha. Loon bakka bineensi jabbii isaa yookaan loon biraa itti nyaate, yookaan namni loon itti qale oggaa ga’u, lafa sana fuunfatee gadooda. Sun gadda isaa ibsachuu isaa argisiisa. Seera uumaa ta’ee gumaa baasuu dadhabu illee gadda itti dhaga’ame sagaleen ibsata.  Kan harree garuu faallaa kan loonii ti. Bakka ilmoon ishee itti nyaatamte fuunfattee halaakuun hin jiru.

Bineensa keessaa kan harree caalaa ilmoo ofii jaallatu hin jiru jedhama. Sababni isaas, harreen yoo ilmoon ishee hallayyaa buute, utaaltee waliin buuti. Harreen akkas ilmoo ishee jaallattu garuu, gumaa baasuu fi gadda ibsachuu irratti faallaa kan loonii ti. Akka loonii lafa jabbii yookaan sanyii isaa bineensi itti nyaate fuunfatee gadoduun gadda ibsachuun hin jiru. Callistee coqorsa yookaan marga ishee dheeddi. As irratti loon irraa adda taati jechuu dha. Harreetti garaan jabduu dha. Kanaafis ‘ergan du’ee coqorsi hin margin’ jette harreen jedhama. Oggaa Loon Gadoodu Harreen Marga Dheeddi

Leave a comment