Bitootessa 15,2013 Gabaasa Qeerroo Diillaa
Mootummaan garboomfataa Wayyaanee erga aangooti ol bahee ilmaan Oromoo dhaabbiilee barnootaa keessaa ariiáman,Ajjeefamanii fi hidhaman lakkoofsaanj himuun nama rakkisa.Yuunivarsiitii Dillaa keessatti barattootni Oromoo ilmaan oromoo dhaabbiilee barnootaa fi bakka jiranitti wayyaanee fi jala deemtota isaan rukkutamuu,Doorsifamuu fi ajjeefamuun haaa dhaabbatu jechuun Bitootessa 13/2013 hiriira moormii gaggeessan.Ilmaan oromoo yuunivarsiitii Dillaa keessatti dhuunfaan dhalata Walaayittaa waliin walitti bué poolisootni mootummaa wayyaanee ilmaan Oromoo qabuun reebsisuu fi isaanis doorsisuun barattoota oromoo mara kan dhaqqabu tahuu qeerroon yuunivarsiitii kanaa dhaamsa
dabarsuun hiriira nagaa dhaadannoo garaa garaan gaggeessanii
jiran.Dhaadannoowwan
1.Arrabsamuun haa dhaabbatu
2.Uleen ilmaan Oromoof hin tahu
3.Yakkamaan seeratti nuuf haa dhiyaatu
4.Mirgi keenya haa kabajamu
Kanneen jedhan dhageessisanii jiraan.Mootummaan wayyaanee tokkummaa ilmaan Oromoo kanaan kan baarage waraana hedduumminaan bobbaasuun mooraa fuulduraa fi keessatti sakattaínsaa fi doorsisa hamaa gaggeessaa jira.Barattootnis gamtaan akka hin dhaabbanne dhorkamaa jiran.Qeerroon yuunivarsiitii kanaas gaaffiin mirgaa hanga deebiú warraaqsa eegalle itti fufna jechuun dhaamsa walii fi ilmaan Oromoo maraaf dabarsee jira.
Jechi Martin Lutar king nuuf gorsa haata’u