Walaloo Qeerroo

Akka Jen/Taaddee, Akka J/Elemoo Qilxxuu,Maaloo Duuti dhalataa dhiiroo maaf garaa hirtuu?

Akka Maammoo Mazammir,Akka Immiruu Ibsaa,

Diin isaan wareegee,Oromoo ni dhageessaa?

Isaan lubbuu hin jibbinee bilisummaa dhaaf jechaa!

Yaa darggoo Oromoo.

yaa Shammee Oromoo,

Dhiiraa fi dhalaan Oromoo,

Dhiigni Qomoo kee Jigee,

Akka roobaa lola`ee,

Lafeen isaanii hurraa`ee,

Akka jirmaa Rirmaa`ee

Akkamiin Ustee teessee,

maaliif Garaan Nu naa rree,

Maaliif xiiqqa`uu dhabnee,

Seexaan kunoo nutti hafee

Gaafa durii malee,

Harmeen dhiira hin deenye?

Har`a Gootni Oromoo hin afnee?

Maal jettuu, maal dubbattuu,

Maalfii quqqummaadduu,

Ol fuudhiiti dubba dhu!

Maalfii dhoksaan gungumtuu,

Rakkina saba keetii

Beeka Addunyaan martii,

Gamtaan Ka`i qabsoottii,

Wal qunnamttiin marattii,

Labsi saba kee hundattii,

Walattjjiin Finfinnettii

Ollaan kee bitaa fi mirgaa,

Qabsoo diddaa gabrummaa,

Sossochoosee warraaqsaa,

Magaalaa hanga Baadiyyaa,

Qabsoo gamtaan warraaqnaa,

Hin shakkinu ni moonaa!

Mee kahaatii garmaamsaa,

Bookisaatii Foogalaa,

Gumaa gootota Oromoo

Aha! anaa nyaatuu Qomoo Koo,

Bilisummaan ni baafnnaa,

Gumaa barata keenyaa!

Warraaqii warraaqsiitii,

Eeboo fi Mancaa keetiinii

 

Sirna gabroofataa dhaa hundeedhaan macaasiitiiGamtaa saba keetii Qindeessii gurmeessiitii,

Gootummaa Oromoo durii jira`aa kunoo har`asi,

Diinatti faajjii Godhii muli`sii! agarsiisi!

Caraanii caraansiisii,

Qaanqee saafaa itti buusii

Sagalee qabsaawottaa,

Falmataa bilisummaa,

Qabsoo Diddaa gabrummaa,

Fincila Saba maraa,

Ga`e Oromota maraa,

Isa biyyaa fi kan alaa,

Saba koo wal dhaga`aa

Gaaffii abbaa biyyummaa,

Duudhaa Oromo ganamaa,

Sirna gadaa Bulmaataa,

Nati- sii bee Habashootaa,

Eenyu tole jedhee fudhataa?

Yoo tarrisuu barbaadee dhuuga danuu dha Gootni,

Sabaaf jecha kufanii madaa nutti dhiisanii,

Lubbuun dabran malee ni jira asxaan saanii,

Dubbachuu dhabn malee hiyyaa jira Ekeraan isaanii.

Gootuumaa Baaroo tumsaa,

Seexaa Magarsaa Barii,

Murannoon Badhoo Dachaasaa,

Biyyaaf biyyee ta`anii,

Eessaan qabee ol kaasaa!

ABO Finfinneettii, waliin hadhuuranii,

Gaafa Wareegamanii dirree falmaa keessattii,

Waan tokko dhaammattanii Oromota marattii,

Waan eegallee hin xumuurriin dabrinee,

Waa utuu walitti hin dhaammatnee,

Bobbaa/Hamnarratti hanqannee,

Wareegama kaffallee,

J/N! Akka sharfannee,

Akeekaa fi kaayyoon ABO.

Galfata J/N qabsoo!

Afuura ishee maayyii,

I.U.O.F! jedhanii raawwatanii!

Ka`i Qeerroo.

Loli Oromoo,

 

Wareegamni bilisummaa Sabaa fi walabummaa Biyyaaf ba`u wareegama seena qabeeeessa

Finnaa fi lammii kee boonsa!

19 thoughts on “Walaloo Qeerroo

  1. jabaadhaa sanyii koo wal haa jabeessinuu sodaan raasa ha badu.
    lubbuu du’a hin oolleef hamma yoomiitti gabroomna?
    Alagaa dhaan dhiitamnee hanga yoomiitti bitamnaa?
    ka’aa malee haa kaanuu
    hirribaa haa dammaqnuu
    tokkummaan haa dhabannuu
    diina saba orommo ofirraa haa qolannuu
    jaallan kumatamatuu itti wareegamee darbee
    qabsoo isaanii kalessa nuti maalif dagannee?
    Dhaabannee itti haa yaannuu
    jaalala waliif haa qabannu

    KUNI JAALLAN WAYYANEEF BITAMANII HOJJEECHAA JIRANIIFI!!!!!
    garaa ganama nyaate gara waaree beela’uuf
    sabaa kee maaf gurgurtaa maaloo garaan si hin na’uu?
    mee taa’ii of ilaalii adeemsa kee hubadhuu
    seena fokkisaa hojjeechaa jirtaa mee ati of qalbeeffadhu
    alagaan alaguma har’aaf sitti fakkeessa
    saba keetiif dhaabadhuu isatu si miidhagsaa

    COMMENT YOO QABATTAN E-mail koo irratti naa katabaa “gammee.7@gmail.com”
    QABSA’AAN NI KUFA QABSOON ITTI FUFA!

Leave a reply to Elias Banjure Cancel reply