Haromaayaatti Barattooti Fincilan

(Oduu Qeerroo, Haromayaa, Ebla 12, 2011) Barattooti Oromoo Yunivarsitii Haromayaa keessa baratan guyyaa kaleessaa mooraa isaanii keessatti hiriira bahuun barattooti ukkaamsamani akka gad-lakkifamn gaafatan.

Barattooti Oromoo kunneen hiriira nagaa godhan kana irratti barattooti humna tikaatiin ukkaamfamanii hidhaman akka gadhifaman kan gaafatan yoo ta’u, barattooti kunneen hin gadhiifaman taanaan garuu barnoota dhabnee gara warra keenyatti galla; qabsoo Oromummaas itti fufna” jedhanii jiru.

Wayituma kana barsisonni illee gaaffii barattootaa kana kan deeggaran yoo ta’u, haalli akkanaa kun yoo fala hin argatiin sirni baruu fi barsiisuu gufachuu akka malu hubachiisanii jiru.

Warri gaaffiin itti dhiyaate, presedantiin Yuniversitichaas, “nutis mootummaa gaafannee jirra; hamma Jimaatatti isiniif himna,” ittiin jechuun deebii kenni iyyuu  barattooti garuu “amma jimaataatti  hin obsinu; har’uma bakki isaan jiran nuuf haahimamu; yoo ta’uu baate mormii keenya hin dhaabnu,” jedhanii jiru.

Yeroo ammaa kanas humnooti tikaa fi basaasaa barattoota hordofaa kan jiran yoo ta’u mooraan Yunivarsitichaan  hidhattoota wayyaanee hedduudhaan eegamaa jira.

Kana malees, network kan telfona fi internate illee  balleessanii waan jiraniif akka salphaatti qunamtii gochuun hin jiru. Barattooti garuu gama hundaan qunnamtii isaanii jabeeffachaa fi diddaa karaa nagaatiin godhamuuf of-qopheessaa jiru.

Oduu Qeerroo

8 thoughts on “Haromaayaatti Barattooti Fincilan

  1. nagaan bilisummaan isiiniif hawwa jaalan koo hundumtuu gucca bilisummaa kan tattaan yaada keessan tokkoo akka ta’uu wal duuka ka’uu dhaaf hojjechuun dursuu qaban jedha,nutti bara 2000–2005 muuxxnnoo guddaa aragnee warri hardha geenye carraa du’aa jala hafne dhaamsa isiin dabbarsuu barabchisa nati fakkaata, yaadan isiin cinna dhaabachuuf oromo ta’aan kan oromo dhaaf qabsa’aa fakkaataan lammii saxxilaan diinaf kennaan baayyee akka ta’aan hubbachuun gaarrii dha, isaan kaaf immoo yoon carraa argadhee sagalee dhaan akkataa ijarsa isaan bara 1989–hanga 2010 kan ture irraa isiinif dabrsuun barbada,

    yeroo ama kana immoo bara 2003/2011 kessaatti haala jijjirachuun boba’aan jiru,,ega odeefannoo isaani isiin kenuu dhaaf qophii dha, jabbadha waan gootan hundaatti illee hubbanoon akka gootan kabbajaan isin gaafadha

  2. Dear Qeeroo,

    Jabaadhaa Issin duukaa jiraa jedha sabn Oromoo hunduu.
    Tokkumaan Oromoo Qorichadha/is a panacea for our cause and to reach our Goal.

    Sincerely.
    Qaroo Oromia

  3. Jabaa dhaa jabaanna Yaa qeerroo. Waanti tahu hundi ija godhachuu akka qabu murannoo fi cichoomina, gootummaa fi habshaalummaan tahuu qaba. Waanti yaadame guutummaa guutuutti akka galmaan gahu abdachaa waanta gita bittoonni godhani hunda jala bu`anii fashaleessuun waan guddaa dha. Ni hojjenna ni moona!!

  4. hunda dursa gargaarsa gochaa jirtaniitti guddaan gammada.baay.een isin jaalladha.gabaasa keenya hojiirra oolchuu keessaniifis seenaan isin haa yaadatu jechaa dhaamsan qaba,mooraa hawaasaa uuniversitii keessatti akkuma beekamu ji.a dabre irraa eegalee dallichi nagaa hin turree,jechuunis sababii ijoolloota ukkaamsaan qabamaniif barattoonni gaaffii gaafachuun irra hin jiru jechuun yeroo ammaa kanatti moorichatti waraanni wayyaanee fi barattootni oromoo baay.inaan walmadaalu yoonjedhe dhugaa irraa kan fagaate miti.keessumaa iyyuu ebla 30/4/2011 irraa eegalee kunoo hanga guyyaa har.tti barattootni oromoo moorichaa kara gadi ba.uufi ol deebi.u,akkasumaas karaa itti class galu illee dhabaatii jira.baay.ee kan nama ajaa.ibu guyyaa kaleessaa galgala jechuunis ebla 02/5/2011 halkaN keessaa sa.tii 4.00A.ABASHAATTI ibsaa mooraa irraa balleessuudhaan gamoowwan barattootni oromoo sabboontootni itti baay.atan irra meeshaa waraanaa qabatanii doormii irraa koottaa ba.a jechuudhaan hanga lafti bari.uuttii balbala doormichaa osoo reebanii bariisisanii guuyyaa har.aas itti fufaniiru

  5. hunda dursa gargaarsa gochaa jirtaniitti guddaan gammada.baay.een isin jaalladha.gabaasa keenya hojiirra oolchuu keessaniifis seenaan isin haa yaadatu jechaa dhaamsan qaba,mooraa hawaasaa uuniversitii keessatti akkuma beekamu ji.a dabre irraa eegalee dallichi nagaa hin turree,jechuunis sababii ijoolloota ukkaamsaan qabamaniif barattoonni gaaffii gaafachuun irra hin jiru jechuun yeroo ammaa kanatti moorichatti waraanni wayyaanee fi barattootni oromoo baay.inaan walmadaalu yoonjedhe dhugaa irraa kan fagaate miti.keessumaa iyyuu ebla 30/4/2011 irraa eegalee kunoo hanga guyyaa har.tti barattootni oromoo moorichaa kara gadi ba.uufi ol deebi.u,akkasumaas karaa itti class galu illee dhabaatii jira.baay.ee kan nama ajaa.ibu guyyaa kaleessaa galgala jechuunis ebla 02/5/2011 halkaN keessaa sa.tii 4.00A.ABASHAATTI ibsaa mooraa irraa balleessuudhaan gamoowwan barattootni oromoo sabboontootni itti baay.atan irra meeshaa waraanaa qabatanii doormii irraa koottaa ba.a jechuudhaan hanga lafti bari.uuttii balbala doormichaa osoo reebanii bariisisanii guuyyaa har.aas itti fufeet jira.injifannoon uummata bal’aaf haa ta’u!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!

  6. Galanniko Kan Oromummaa Isin Haaga’u Yeroo Ammaan Tanaa Tokkummaan Ummata Oromoo Kaabaa -Kibbaa,Bahaa-Dhihaan Oromoon Tokko Ta’ee Jiruu .Yeroo Lixatti Oromoon Miidhamu Bahatti Oromoon Ka’uun ,Yeroo Bahatti Oromoon Miidhamu Lixa Oromoon Ka’uun Baay’ee Barbaachisaa

Leave a comment