2 thoughts on “Faaruu Qeerroo

  1. LAFEE KEENYAAN OROMIYAA JAARRANNA

    Guyyaan nuti tokko taanu
    Kan bakka kufnee olkaanu
    Yaa Oromoo-koo ni dhufa
    Hammasittis qabsoon ittum-fufa!

    Itti-fufa qabsoon bilisummaa
    Kan nu gonfachiisu namummaa
    Itti-fufa biyya guutuu marsee maree
    Oromiyaaf du’uuf ni dhaabanna dabaree!

    Kuunnoo, ammayyuu dhaloonni qubee tarree galtree
    Ilaa, dhaloonni qubee duraas waliigaltee
    “Oromiyaa“, “Oromiyaa” jechaa tarkaanfattii
    Impaayera bosobboftuu tan yoom abdattii?

    “Elemoo Qilxuu“, “Waaqoo Guutuu” jechaa dhaadattii
    Ekeraa Taaddoo Birruu fi kan Maammoo-faa waammattii
    “Maali hin kaatuu akka Saartuu?”
    “Waayee Gaara Suufii-faa hin Haartuu?”
    Jechaa olkaate-kaa joolleen qubee
    Deebiftee jaaruuf bosonaa fi walabummaa jarri gube!

    Alaabaa Oromiyaa: gurraacha, diimaa, adii qabattee
    Odaa fi ejersaan marsitee hammattee
    Harmee Oromiyaatiif ni duuna
    Jaannama qileellee ni buuna
    Jechaa kuunnoo laga labdee
    Shilmii fi bacoo marsitee qabde!

    Lafee mataa isa gooroo Calanqoo
    Kan gaara Suufii, kan dubree fi dargaggoo
    Harkaa fi harma bowwaa Aannolee
    Qaama dhiiraa kan Walisoo fi Gullallee
    Ee, boolla keessaa baaftee awwaallattii
    Ilaa, namummaa fi aadaa gadaatiin kakatti!

    Lafti Oromoo lafee Oromootii
    Biyyi Oromoos biyyee Oromootii
    Abadan lafeen Oromoo hin gurguramuu
    Abadan biyyeen Oromoos hin duguugamuu
    Majaan gamanaa gamasiis itti hin waamamu!

    Kanaafuu, harka walqabannee oljenna
    Miila keenyan sirriitti dhaabanna
    Jiraa-du’aa Oromoo labsanna
    Hortee Kuush mara waammanna
    Warra kolonii turetti dhaammanna
    Ekeraa Lumumbaatiin Obaamaattis iyyanna!

    Abboo roorroon nafxanyoota haareyyii nu gayee
    Fooliin nafxanyota moofeyyiis nutti ajaayee
    Miilli sansalataan nu madaayee
    Mormi kiyyoon nu burkutaayee
    Gateettiin baachuu nu daddhabee
    Harqoota gabrummaa
    Copha tokkollee waa dhabnee
    Camii kan namummaa!

    Hayyee, haa kaanu gaaraa-dakaa
    Tole, haa yaanu gamaa-gamanaa
    Eekaa, haa baanu alaa-manaa
    Haa seennu malkaa Waabee
    Haa buunu laga Gibee
    Uummanni keenya bosonaa
    Leencatoo keessa sonaa
    Maalumatoo nu dhibee?

    Carcar bowwaa qeerransaa
    Tiruu laga Dhiddheessaa
    Mogor boongoo gichillootaa
    Dallo qeyee jagnootaa
    Caakkaa Roggee Ammayyaa
    Kutataaf achi wayyaa
    Kutatee itti-galaa
    Jibaat keenyas daggalaa!

    Daggala qeyee gootaa
    Garaan dhaquuf abjootaa
    Abjuun abjuu bilisummaa
    Kan biyyaa kan walabummaa!

    Yoo qeenxomne akka kufnu ni beeknaa
    Yoo tokkoomne akka bullus ni beeknaa
    Kanaaf, tokkummaa akka sibiilaa jabaatu
    Isa miliyoona afrutama nuuf baatu
    Haa jaarrannu amma olkaanee
    Garagarummaa xixiqqoo achaanee!

    Maarree, dhiichisaa laga buuna
    Mancaa, haamtuu fi qottoo olfuuna
    Akaafaa, eeboo fi dhagaraa qabanna
    Silaa qawwee hin qabnuu
    Shimala, hablee fi manshii qabanna
    Qoorbii, hordaa fi darbaadhaan
    Gabrummaa ofirraa darbanna
    Lafee keenyaan Oromiyaa jaarranna!

Leave a comment