SHIROTA GOLA WAYYAANEE (NEW)

(Lubabaas Qeerrootiin)

 (Kutaa 1ffaa)

Kaardii Daldala Filannoo

MOOTUMMAAN WAYYAANEE FILANNOON UTUU HIN GEGGEESSIN KAN MAQAA FILANNOOTIIN DALDALUU DHA. Dhimma kana muuxannoon waggoota darbanii ifatti  mul’isu ta’u illee filannoo bara darbe keessa ta’e irraa waan argame wal yaadachiisuun maalummaa sirnichaa sirriitti ifa godha. Sirni kun bara duraa sanatti waan bosonaa dhufeef adeemsa keessa wayyaa’uu mala jedhanii kanneen garaa hiran akka jiran beekamaa ture.

HAA TA’UUTII, KOLONEEL MALLAS ZEENAAWWII AMALA SIRNA DIMOKIRAASII TOKKO ILLEE HIN QABU. HAALA KAN DHAABBATI TOKKUMMAA AWUROOPPAA  FI DHAABBATI MIRGA DHALA NAMAA ADDUNYAA KAN GABAASA ISAANIITIIN MIRKANEESSANII DHA.  HUMNI CUNQURSAA BITTAA WAYYAANEE FI BITAMTOOTNI ISAANII AKKUMA ABBOOTII ISAANIITTI HUMNA QAWWEEN JIRAACHUU FEDHU.

Akkuma baroota duraa sanatti, Wayyaaneen ammas kanneen isa yaaddessan mara dhabamsiisuu irratti xiyyeeffatee hojjacha ajira. Bara darbe keessa, yeroo filannoo sanatti, dhaabbatoota maqaa Paartii Siyaasaan ijaaramanii isaa wajjin dorgoman qarshiidhaa fi Waajjira garaagaraa kennuufiidhaan ijaaraa ture. Kana malees,  Kaadiroota isaa ganda hundumaatti erguun ummata sodaachisuun amala isaanii ifatti mul’atu ture. Kana malees, bakka magaalaa fi Iddoowwan dhokachuu hin dandeenyetti immoo Kaadiroonni Wayyaanee Hoogganaa Booordii Filannoo Biyyoolessaa fi Humna Waraanaa dabalatee hojjachaa ture. Yeroo sanatti, Kaardii Filannoo miliyoonaan lakkaa’aman bakka humna waraanaan marfametti geessanii Kanniisa qofatti maruun gara bakka harki lakkaa’amuutti deebisanii akka waan ummati isaan fileetti kijibaan abbaa aangoo of godhanii jiru.

Wayyaaneen akka filannoon hin jiraanne namuu kan beeku ta’us, shirooti keessa keessatti hojjataman amma illee ummatatti ibsamuu qaban. Yeroo filannoo sanatti, Wayyaaneen baadiyyaa fi bakka dhokataatti   qofaa isaa Paartii Siyaasa Mormitootaa  kan ta’e Waltajjii (Madirakii fi Deggartoota isaanii) tumanii ari’uun kaardii hunda isaa immoo kanniisa itti maruun gara bakka dhufeetti deebisaniiru. Kun akka fakkeenyaatti, Shawaa Lixaa naannoo Gindabaratitti kan uummati ijaan arganii fi yoomiyyuu ragaa bahanii dha.

Shirri Wayyaanee kana duwwaa miti. Qotee bulaa fi dubartoota immoo utuma saatiin laaqanaa hin gahin yeroo dabarsitanii dhuftan jedhanii hiriiruma irratti harkaa sassaabuun filachiiftotni (kaadiroonni) ofuma isaanitii kanniisatti maranii ol deebisaniiru. Kun akka fakkeenyaatti Oromiyaa, godina Shawaa Kaabaa, naannoo Dabira Libaanos, keessatti mul’atee dha.

Yeroo kaan immoo dorgomaa mormituu hidhuu fi hiraarsuun dhimma wayyaaneen dalagduu dha. Yeroo darbe, Wallaggaa Bahaa, naannoo Shaambuutti, dorgomaa Madirak (Waltajjii) gaafa jal-bultii Filannoo halkan guutuu harka isaa fi miilla isaa hidhanii xaxanii waraana itti ramadanii bishaan keessa kan bulchan yoomiyyuu kan hin dagatamnee dha.

Taajjabdootni kutaa biyyaa hundumaa irra tamsa’anii taajjabaa turan kan Miseensa paartii kamii iyyuu miti jedhaman hundi isaanii iyyuu kaadiroota Wayyaaneeti. Kana baayyee waan ta’aniif hunda himuun waan cimuuf malee maqaa isaanii wajjin dhiyeessuun ni dandaa’ama.

Walumaa gala sababoota lakkaa’amanii dhumuu hin dandeenyeen filannoo utuu hingeggeessin maqaa filannootiin daldaluun Maqaa Paarlaamaatiin Kaadiroonni wayyaanee fi Bitamtootni isaanii paarlaamaatti dacha’uu isaanii sadarkaa addunyaatti beekamaadha.

Kaardii Shororkeessuummaa

Kaadirroonni Wayyaanee akkasitti Maqaa Bakka Bu’aata Uummataatiin walitti qabaman amma immoo seerota fedhii biyyaa fi sabootaa hin taane Wayyaanee gammachiisuuf jecha tumaa akka jiranis tibbana mul’ataa jira. Torban darbe dhaabbatoota shan (sadii kan biyya keessaa fi Lama immoo Kan biyya alaa jedhee gargar qooduun) ,Isaanis kan biyya keessaa sadan ABO fi  Caamsaa 7(Gindot 7) fi Kan Biyya alaa immoo Alqaa’idaa fi  Alshabaab ‘’Shororkeessitoota’’ jedhee moggaasuun isaas  paarlaamichi hagam sadarkaa fokkotaa keessa akka jiru namatti mul’isa. Yeroo kamuu sirni akkanaa diddaa ummataa fi fincilaan malee akka karaa nagaa filannoodhaan hin buune agarsiisaa jira.

Dhimma kana irratti hayyuun tokko yaada akka armaan gadii nuuf kennan. ”Namooti hedduun akka beekanitti, wayyaaneen waan hojjattu maratti amantaa hin qabdu. Sagantaan ishii kan yeroo gabaabaa ti. Amma kunoo, Wayyaaneen seera shorokeessummaa kana kan labsite akka waan ministirii dhimma alaa Ameerikaa, Hiilarii Kilintan waliin maryatte fakkeessuuf Hilariin dhuftee ganama isaa seera shororkeessummaa baste. Kun akka ishiin deebiteen labsamuun waan dhimma kana Ameerikaa waliin maryattee  fakkeessuu fi ittiin ummata gowwoomsuuf ture. Ummati garuu dhimma kana wayyaanee caala fageessee hubata.”

KUN AKKA UUMMATA BIRATTI FUDHATAMA ARGATUUF WANTOOTA INNI GODHE KEESSAA MURAASI:

Walga’ii dhaabbata tokkummaa Afiriikaa irratti ABO n Boombii dhoosee bakka bu’oota Afirikaa Fixuuf  utuu jedhuun to’annaa jala oolfadhe jedhee holola sobaa afuufuun,

Naannoo Markaatootii namicha  sooressa yeroo filannoo Waltajjiidhaaf uummata kakaasaa ture halkan humni waraana wayyaanee erga boombii manaa fi qabeenya isaa irratti qindeessanii duraa gubanii booda ABO tu bakka uummati baayyatutti boombii dhoose jedhee namoota kana irratti dhuguma ijaan argineerra jedhanii sobaan miidiyaa irra haasawa godhan qopheessuun maqaa balleessuuf piropogaandaa sobaa afuufuun

Akkasuma Naannoo Ministeera dhimma alaatti kan argamu Bishaan Ho’aan bakka uummati dhagna itti dhiqatu(Hot Water Shower)bakka jedhamutti utuu wanti tokko hinjiraatin ABO n bakka uummati of gatee dhagna dhiqatu kanatti boombii qindeessee dhoosuuf jennaan to’adhe jechuun asittis namoota kaadiroota qarshii fudhatanii yaada miidiyaaf kennan qopheessuun maqaa balleessuuf piropogaandaa sobaa afuufuun,

Kanaa fi kan kana fakkaatan ofuma isaatii Humni bittaa waayyaanee holola sobaa qopheessuun ABO fi Ginbot 7 n Shaabiyaa waliin wal at’uun Addis Ababa Baagidaadiin goona jedhan jedhee oduu sobaa uummata gidduutti odeessee maqaa dhaabbatoota kanaa balleessuu irratti argama.

Itti fufa

4 thoughts on “SHIROTA GOLA WAYYAANEE (NEW)

  1. “Things turn out best for the people who make the best out of the way things turn out. ~Art Linkletter”

Leave a comment