Qeerroo, Qabsoo Itti Fufaa!

Seensa

“Barataa unvarsiitii kan ture yeroo darbe mana hidhaa Qaallittii bakka ciisicha isaa keessatti kan rasaasaan rukutame Barataa Alamaayyoo Garbaa Hurruubaa  Mudde 9, 2005 Hospitaa Xiqur Anbessa  keessatti  Boqate. Alamaayyon  erga rukutamee booda waldhaansa dhoowwatanii kan ajjeesan yoo ta`u wayyaanonni gocha hamaa kana erga raawwatanii booda, ‘hidhamtoonni baduudhaaf yoo yaalii godhan rukutaman,’  jechuudhaan oduu kijibaa dabarsanii turan.

Haata’uutii, dhugaan jiru, Alamaayyon Mana hidhaa Qaallittii keessatti, bakka ciisicha isaa irratti rasaasa agaaziin rukutamee, wal’aansas dhabee akka du’u godhame. Wayyaanonni kan kan godhan immoo, namni kun yoo fayyee  jiraate ragaa nutti ta`a jedhanii  beekaatuma waldhaansa dhoowwatanii akka ajjeesan odeessi mana hidhaa Qaallitti keessaa nu gahe saaxilee jira. Otuu wal’aansa gahaa argatee garuu,  madaan isaa dabarsee kan du`aaf isa laatuu miti jechuun hiriyyoonni isaa SBOf dhaamanii jiru.”

Kun oduu gaddisiisaa karaa Sagalee bilisummaa Oromoo gaafa  Muddee 11, 2005 (Oromia) qilleensa irra oolee dha. Oduun kun amma illee http://www.oromoliberationfront.org/News/Barataa_Alamaayyoo.htm irraa kan dubbifamuu dha. Dhugaan akkanaa yaa turu malee guyyuu ifa bahaa adeema. Diinni hagam dhoksaan qeeroo egeree lafa irraa balleessuu irratti hojjatus, dhugaan akka dhokatetti hin hafu.

Dhimma mata duree kanaa irratti gochaa diinni saba keenya irratti dalagaa jirtu, keessattu kan qeerroo irratti raawwatamaa jiru mara tarreessuun hin danda’amu. Akeekni barruu kanaa diddaa Qeerroo yeroo ammaaa Oromiyaa keessatti  finiinaa jiruun kan walqabate, galmee seenaa keessaa gootummaa Qeerroo keenyaa fi gochaa diinummaa kaayyoo qeerroo dhaamsuuf diinaan raawwatamaa jiru Qeerroo keenya har’aaf akka mil’uutti ibsuu dha.

Alamaayyoon Eenyu?

Suuraan  kun kan barataa Alamaayoo Garbaa ti; suuraan tun har’as akkuma kaleessaatti, sabboonummaa Qeerroo oromoo kana akka calaqisetti jira. Alamaayyoon garuu seenaa bara baraan jiraatu dhaloota keenyaaf kaayee darbeera. Maqaan isaa fi suuraan isaa garuu galmee seenaa Sabboontotaa keessatti qalama hin banneen akka galmeeffametti oggayyuu mul’ataa jira.

Har’a Qeerroon Oromoo waan ittiin boonan keessaa tokko jaatanii bilisummaa qeerroon akka Alamaayyoo fa’aa dalaganiin ta’a. Alamaayyoon fa’aa akkuma abbootii keenyaa garbummaaf hin jilbeeffanne. Alamaayyoon akka warra kaanii miila lamaan hin adeemu ture; miilli isaa tokko ijoollummaa isaatti jalaa waan miidhameef kiraanchiidhaan deemaa baratee sadarkaa Yunivarsitii gahe. Miilli isaa tokko miidhamus, qalbii fi yaadni isaa garuu guutuu fi jabaa ture.

Alamaayyoonnama kutataa, sabboonaa fi qaroo ture.”Alamaayyon guyyaa tokko illee gochaa fi doorsisa diinaaf hin jilbeeffanne, Yeroo mara xiiqii fi kutannoon hojjata ture; yeroo lukkeen diinaa isa hordofaa turanittis otuu hin sodaanne hojjataa ture.” Akka hiriyooti isaa ragaa bahanitti, Alamaayyoon, yeroo mara nama kutannoon kaayyoo bilisummaa galmaan gahuu fi dirqama itti kenname milkeessuuf hojjataa ture.

Alamaayoon otuu Yuniversity Finfinnee keessaa baratuu bara 2004 baatii Caamsaa keessa Mootummaa Wayyaaneen hidhame. Sababiin hidhaa isaatii hiriira Waldaan Macaa fi Tuullamaa dhimma Fifinnee ilaalchisee hiriira mormii qindeesseen  kan walqabate ture. Namni kun nama qaami isaa tokko hirruu haa tahu malee nama qalbiin isaa guutuu fi Oromummaa isaaf falmuudha. Qalbii, sammuu, murannoo, jabina fi hamilee guutuu qabsoo Oromoof qabachuu isaatu rasaasa diinaan dararama meeqa booda isa ajjeesise. Otuu lubbuun jiraateera tahee gaaf tokko yoo seerri ija seeraan ilaalame yakka itti sobaan himatame irraa dhugaan mo`ee bahu waan beekaniif tarkaanffii jibbiinsa hamaa fi gara-jabinaan guutame irratti fudhatan.

Alamaayyoon mana hidhaa Qaallittiitti, Zoonii 2, mana lakkoobsa 3 keessatti hidhamee ture. Manni kun ammoo qorqorroo irraa kan hojjetame waan ta‘eef wayyaanoti bakka inni ciisu durumaanuu waan beekaniif qiyyaafatanii karaa ciisicha isaatii rasaasa heedduu walitti aansuun itti dhukaasuudhaan ture kan galaafatan. Oromooti mana hidhaa Qaallitti turan Orommota haaraa hidhamanitti uraa raasaasi ittii galee Alamaayyoo ajjeese seenaadhaaf waliif agarssisu. Warri isa waliin hidhaman rakkina meeqa booda yommuu hidhaatii hiikaman barataa Alamaayoo Garbaa fi ka biroo ofbiraa lubbuun dhabuu isaaniitti ni gaddu. Sabi Oromoo mara keessaa seenaan sabboonaa fi goota kanaaf ka biroo hinbadu.

Dhaamsa Barataa Alamaayyoo Garbaa

Barataa Yuniversitii Finfinnee ka turee fi mana hidhaa Qaallitti keessatti Sadaasa bultii 03, 2005 rasaasa wayyaaneen bakka ciisutti rukutamee kan mana hidhaatti  wareegame   Alamayoo Garbaa dhaamsa armaan gadii Oromoota maraaf dhaamee darbe.Dhaamsi isaa kunis otuu lubbuun jiruu waan inni katabee iccitiin ol kaa`e keessaa fi yeroo lubbuun keessaa bahaa turtetti waan inni dhaammate irraa kan fuudhamedha. Dhaamsichis akka armaan gadiitti argamudha:

“Egaa obboleewwan koo hogguun kana barreessu ani afaan boolla du`aa irra taa`eeni. Saa`aa fi daqiiqaa itti lubbuun koo na keessaa harattun eegaa jira. Namni du`a jaallatu hinjiru. Namni du`a oolus hinjiru. Ofumaa sodaanna malee garuu isheen hinhaftu. Yeroo ishee eeggattee bifuma fedheenuu ni dhufti. Kanaaf, du`a jalaa hafna jettanii saba keessan, jaallan keessanii fi fira keessan irratti cubbuu hindalaginaa.

Du`i koo akka armaan gadiin natti dhufte. Otuun guyyaa ishee dursee beekeellee waan hedduun seenaaf olkaa`an ture. Amma garuu sagalee koo, dhaamsa koo dhumaan isin warra lubbuun jirtaniif dhaama.

Ani nama qaama hir`u garuu onnee fi sammuun  fayyaa ti. Namni qaama hir`u keessumaa kan akka koo kiraanchiin socho`u  fi kana irratti immoo ‘torture’ ta’ee baayyee miidhamee jiru dhuguma mana hidhaa eegumsa guddaa qabu (Qaallittii) cabsee fiigee bahaa?

Egaa kunoo sababii akkasii natti maxxansaniitu rasaasaan bakkan ciisee jirutti na tumani. Rasaasni wayyaanee kun Sadaasa 03, 2005 mana hidhaa keessatti dheensee jiru urtee tiruu hulluuqxee, kiranchii foloqsitee, lafee cinaachaan na seentee, kalee koo buruqsite. Dhiigni keessa kiyyaatti yoo cobu natti dhagahama. Maaloo daddaffiin lubboo koo na keeessaa baasaa, naa fixaa jedheen iyyadhe. Eenyutu na dhagaha. Warri silaa kana dhagahuu malehoo warra dhiphuu kana natti fideedha. Afuuffeen koo dhiitoftee fincaan qabattee na dhikkifatti. Na ittansa.

Dhiigni mata kiyya keessa faca`aa jira. Miilli koo afaan boollaa, cinaachi koo sireerra, lubbuu harka Waaqaa godheen isinitti himachaa jira. Barootan jiraadha jedheen umrii lakkaawachaa jira otoo hintaane, lilmee “glucose” harkatti na jirtu takkaawu gadi copdee dhiiga ol-deebistutti ija diree yaadaan samii gahee deebi`aa jira. Haala akkasii keessa taa`een dhaammadha.” jedhee darbe.

Xumura

Har’a Alamaayyoon darbus seenaan isaa akka Tulluu Joorgoo boonee mul’ata. Dhaamsi isaas golee Oromiyaa mara keessaa qillisaa jira. Qeerroon diddaa finiinsaa jiranis, galmee seenaa keessaa dhaamsa Alamaayyoo dubbifachaa qabsoo diddaa sirna abbaa irree finiinsa ajiran. Diinni kalee Alamaayyoo ajjeesee, kijibaan dallaa cabsee bahuuf jennaan ajjeefne, jedhes kunoo yeroon itti qaana’u dhiyaataa jira. Diinni akka yaaddetti, kan akka Alamaayyoo ajjeesuun abdii Qeerroo cabsa seetee turte. Garuu, kun abadan akka hin taane, dhugaatti argaa jiran.

Alamaayyoon du’us, kumaatama akka Alamaayyoo kutatoo fi murattoo ta’an arguun keenya, kaayyoon kufameef sun hagam eebbifamaa akka ta’e mirkaneessa. Duuti isaanis, inumaayyuu, hundee jabinaa ta’uun akka Qeerroon daran jabaatanii diina Oromiyaa irraa buqqisan ta’ee jira. Dhaamsi isaa kan ergaa,”Qeerroo Qabsoo itti Fufaa!” of keessaa qabus Oromiyaan duuba kanneen jiraniif illee madda seexessaa fi jabinaa ta’uun akkuma kalee sanitti fula’uutti jira.

Qabsaa’aan ni kufa; qabsoon itti fufa!

1 thought on “Qeerroo, Qabsoo Itti Fufaa!

  1. Nothing can save the political acrobatist Meles Zenawi, from the imminent and the upcoming REVOLUTION; that means the time is for a revolution. But we, the Oromo nationalists, do ask: where are the other students, while the Oromo students are revolting? Why are the Amhara students and the students from the other opressed nations still sleeping? Are they still the victims of Woyane’s divide and rule method? We actually must be able to say together: no more antagonizing the all-inclusive freedom fighters in favour of the Woyane fascist forces. It is clear that the Woyane fascists and racists survived by dividing, fragmentizing and polarizing both the Amhara integrationist camp and the Oromo independenist camp among themselves and between each other.

    But now the question is: how long will both the Ethiopian nationalists’ camp of the Amhara and the Ethnic nationalists’ bloc of the Oromo allow the Woyane to play with them and how long do they give a chance for this mafia group to beat them turn by turn? Are they less intelligent than the Woyane not to outsmart this fascist and racist regime? Time will show us for how long Woyane will play the game of pure political acrobat, presenting itself (camouflaging) as either the Oromo independenist or as the only Ethiopian unionist (killil-federalist) or as the Amhara integrationist just to sow a discord among the opposition and make these different parts of the opposition to fight each other; actually the ONLY true motive of Woyane is to keep the Tigrean hegemony at any cost. On the day that the Oromo nationalists start to make also the issue of an integrated Ethiopia as their own REGIONAL issue, of course beside an independent Oromia as the NATIONAL issue, and on the day the Amhara nationals start to accept and respect Oromia’s right to exist, at least within an integrated Ethiopia, this day will be the day of a real demise for the fascist and racist Woyane regime.

    Otherwise, we have to be able to differentiate Woyane political acrobatists from the genuine independenist Oromo, the unionist (federalist) South and the integrationist Amhara. To know this difference, what matters is not the position of their guts, but more the direction of their guns. Woyane cadres do direct their guns (verbal bullets) on pro-integration Amhara nationals and on pro-independence Oromo nationalists, whereas the genuine opposition from these two camps nowadays consequently and conciously try to direct their guns ONLY on the currently tormenting enemy (the Woyane). Woyane cadres shoot continously at these genuine Amhara and Oromo groups, whereas the genuine pro-independence Oromo and the genuine pro-integration Amhara nationals do try to tolerate all the opposition political groups with their different tactics and strategies in struggling for FREEDOM from Woyane’s fascism. So we just need to check the direction of their guns in order to differenitate the camouflaged Woyane cadres talking about an ‘independent Oromia’ and an ‘integrated Ethiopia’ from both the genuine opposition blocs advocating these two same agenda respectively.

Leave a comment