Jaarmiyaan Qeerroo Bilisummaa Oromoo dhimmoota hirmaannaa dargaggoonni ijaarsa biyyaa keessatti qabanii fi madda rakkoo Nageenyi dhibamuu Oromiyaa keessatti dantaa tahee fi Barbaachisummaa Mootummaa Ce’umsaa ABO fi KFO’n jaarmiyaalee Hawaasaa Oromoo adda addaa waliin mariiyachuun labsan irratti marii gaggeessuuf milkiin xumuraniiru.Waraanni Oromiyaa keessaa dhaabbatee Nagaa fi Tasgabbiin Oromiyaa keessatti akka bu’uuf gaheen dargaggootaa maal tahuu akka qabu irratti Jaarmiyaan Qeerroo Bilisummaa Oromoo marii taasisanii jiru.
Dargaggoonni akka Siyaasa keessatti hin hirmaannef danqaaleen turanii fi ammas jiran irratti marii kan gaggeessan Qeerroon Bilisummaa Oromoo kunneen haalota Itti fayyadamummaa Miidiyaalee Hawaasaa fi Miidhaa inni qabuu fi Hojimaata Seera dhorkaa irratti gahee dargaggootaa maal akka tahuu qabus muuxannoon qoodameeraaf.
Marii Jaarmiyaa Dargaggootaa kana irratti hogganni ABO olaanaan Koree Hojii Raawwachiistuu ABO Jaal Jabeessaa Gabbisaa keessumaa kabajaa tahuun hirmaattotaaf haala kora Waliinii ABO fi KFOn jaarmiyaalee Oromoo adda addaa waliin Guraandhala 19/205-22/2025 Hoteela Ilillii International keessatti mariiyatame irratti ibsa bal’aa bakka buutota Qeerroo Bilisummaa Oromoo kanneeniif ibsaniiru.
Itti dabaluunis Jaal Jabeessaa Gabbisaa Jaarmiyaan Qeerroo Bilisummaa Oromoo Obsaa fi Cichoominaan qabsoo waggoota 50 dura dargaggootni yeroo Sanaa walitti dhufuun dhaaba ABO hundeessanii Ummata Oromoo akka mirga isaaf falmatuuf fakkeenya turan yaadachiisuun Jaarmiyaan Qeerroo Bilisummaa Oromoos har’a Murannoo sana dhaaluun mirga Ummata Oromoo kabachiisuu qaba jedhaniiru.
Galatoomaa jaallan baga nagaan dhuftan.
The social inclusion and cultural marginalization of the oromo people will be removed by the struggle of its nationalists and OLA.