Caamsaa 3,2014 waaree booda, Godina Horroo Gudruu Wallaggaa keessatti gaaffiin abbaa Biyuummaa hanga walabummaa Oromiyaa fi Bilisummaa Oromoo jabaatee itti fufuudhaan aanaa Jaardagaa Jaartee Magaala Jaardagaa keessatti jabaatee itti fufuun Uummatnii fi Dargaggootni gamtaan bahuudhaan magaala Jaardagaa keessatti sagalee isaa dhageessisuu irratti argama. Aanaa kana keessatti Uummatnii fi dargaggootni Magaala Aliiboo keessatti waraana mootummaa wayyaanee baasuun magaala Aliiboo erga tohateen booda Uummatni gamtaadhaan aanaa kana keessaa ka’uun diddaa sagalee isaa dhageessisuu irratti xiyyeeffachuun jabaatee itti fufee jira. Haala kanaanis magaalotni Horroo Guduruu kanneen akka Shaambuu, Saqalaa, Dongoroo, Fincaa’aa fi Haratoo federaalaan tikfamaa kan jirtu yoommuu tahu waraanni wayyaanee magaala Jaardagaa akka hin seenneef dargaggootni karaa kutuudhaan of irraa dhorkuu qeerroon aanaa kanaa gabaasee jira. Hanga injifannoo jabaatanii itti fufuufi Oromoon bakka maraa duuba akka hin deebine dhaamsa dabarsanii jiran.