Latest News: Caamsa a 2,2014 Gaaffiin a bbaa Biyyummaa Jabaa chuudhaan Magaalli B uraayyuu FDG simatte e gaggeessuu irratti argamti

diddaa-4

Caamsaa 2,2014 Gabaasa Qeerroo Buraayyuu

Gaaffiin mirgaa fi abbaa Biyyummaa jabaachuudhaan kan itti fufe Uummatni, Dargaggootnii fi Barattootni Magaala Buraayyuu FDG gaggeessuu irratti argamu. Barattootnii fi Uummatni gamtaan sagalee keenya karaa hiriira nagaa dhageessisna jechuun kan eegale yoommuu tahu mootummaan wayyaanee garuu Waraana ittisa biyyaa fi Humna addaa Agaazii Uummatatti bobbaasuudhaan reebuu fi hidhuu irratti argama. Ilmaan Oromoo karaa nagaa gaaffii abbaa Biyyummaa dhorkamnee manatti hin deebinu jechuudhaan Waraana mootummaa wayyaanee rasaasa qabate waliin falma jabaatti seenee jira. Ilmaan oromoo bakka maraa ka’uudhaan wareegama qaqqaalii kaffalaa wayita jirutti nus wareegama barbaachisaa kaffalla jechuudhaan Gamtaan diddaatti seenanii jiran. Uummatni Oromoo bakka maraa ka’ee walabummaa Oromiyaa mirkansuuf akka hojjetus waamicha Oromummaa dabarsanii jiran.

Burraayu2Burraayyuu

Leave a comment