Gamtaa Qeerroo YSTA( Y.Adaamaa
MAANDHEE LEENCA GAARA MUUL’TAA.
Kabaja Waggaa 8ffaa (2005)FDG ilaalchisee Ibsa ABOn baase bu’ura godhachuun sagantaan keenya akka armaan gadii kana fakkaata.
BARUMAAN RAKKOO HIMACHUUN SALPHINA,MATUMTI ISAA RAKKINA
(Dhaamsaa fi Dhaadannoo Qeerroo YSTA)
Gita bittoonnii mootonni murni habashaa,dhimma aangoo ykn taayitaa walin wal jijjiruu irraatti waliif galuu yaa dhaban malee ilaalchi farrummaa ummata Oromoof qaban akka tokko tahe firaa miti diinumte shira kana tolchullee adda durrummaatti beeka,imaammata dulloomaa Abboonni isaanii dheengaddaa fi kaleessa bocanii addunyaa kanarraa daaraa tahan yeroo dhaloonni isaani akkuma kaleesaa udaan irra taa’anii waan gara fuulduraa tokko tarkaanfatamee gara boodaa tarkaanfii sadii deemuuf daddaaqan qalbii guutuu argaa jirra.kunnimmoo dadhabina osoo hin taane diinummaa addaa farrummaadha.Qqabxii gurguddoo diinaa farrummaa ummata Oromoorraatti raawwataa ture,ammallee haala suukanneessaa fi hedduu gaddisiisa yeroo inni itti bahaa jiru uumama hundatu ragaa taha. jabaannee,gurmoofnee,yoo falmanne malee borullee akka kana caalaa daraan dabalaa adeemuu eenyuu tilmaamuun isa hin dhibu(haa falmatu abbaan roorroon dhibe jennan).
Farrummaa mootota habeshaa Miliilik hangaa Wayyaanee mee haa ilaalluu :– Gamtaa Qeerroo YSTA. Yuuniversitii Adaamaa