Ayyaanni Irreecha Malkaa Ateetee Burraayyuu Keessatti Sirna Howwaan Kabajame.

 Onkololeessaa 6/2013 Ayyaannii Irreechaa Malkaa Ateetee Burraayyuutti Sirna howaa fi ajaa’ibsiisaa ta’een kabajamuu qeerroon gabaase. Qeerroo sagalee weelluu warraaqsaan sadarkaa olaanaatti dhageesifama jira. Torbee Ayyaanaa Irreechaa Hora Arsadii

Bishoftutti kan kabajamuu Ayyaanni Irreechaa Malkaa Ateetee BurraayyuugGuyyaa har’aa kana sirna baay’ee midhagaa fi tokkummaa uummata Oromoo tikseen kabajamaa jiraachuu maddeen keenyaa bakka bu’onnii qeerroo ayyaanicha irraatti argamuun sochii haala ayyaaniichaa hordofaa jiran gabaasan.

Dargaggonni Oromoo fi sabboontoti Ummatni Oromoo Ayyaanichaa irraatti argamaan walleewwaan warraaqsaan sabboonummaa Oromoo, Qabsoo bilisummaa Oromoo fi ABO, Oromoo fi Oromiyaa faarsuun diddaa sirna Wayyaaneef qaban muldhisuun diina rifaasisanii jiru.

Guutummaa ayyaanota irreecha 2013 qeerroon itti fufuun ni gabaasa.

 

2 thoughts on “Ayyaanni Irreecha Malkaa Ateetee Burraayyuu Keessatti Sirna Howwaan Kabajame.

  1. Yaa ilman oromo ammas yoo ta.ee abo ykn ummani oromo waligala qabachu qabana sanaa booda abo oduu qofaa osoo hin ta.in hojidhan ummata ofi abdi horachisuu qaba kana jechun yoo abo of ijaree jabatee akkaa dhabati jabatee warana cimmaa horatee jedhe motummaa woyyanne ummani oromo yeroo gababaa keessaati fincilee qawee batee bosonaa oromiyaa kaba kibban dhihaa bahan itti dulee danga ofi kabajisisaa dadhabina abon ummani oromo abdi kutatee yeroo dheradhaf gabrumma filatee keessatu wareenakka murnotaa abo kan biyyaa allaa jiraan qabso bilisummaa oromo akkkaa badu kan godhan keessaa tokkoo isaan isaan america ta.aan dhabbaa oromo bakka hedduti hiraa gossan qodaa gandan qodaa akkanat ilman oromo maqa abo itti maratin wayyannen mana hidhati gurtee kan ajeftee yomif maqa sabbaa balatin warana sennaa qabessa gefame akkaa duri akakon kenyaa duraa dhabatani lolaa baraa wonti takka hin jireti ebof wontedhan dinnaa ajessa qala danga oromiyaa haraa nuti argaruu kana kabachisisani jiruu nuti garuu dhaloni amma mee abo fana hiruu qofaa mitti yoo dadhabini bulchisaa jiratee waraa harawa lafaa dhufan dargageessati kena hoganoni abo bakka jirtanit galatoma yaa rabi nuu bilisomsi

Leave a comment