Har’a Caamsaa 12/2013 Ayyaannii Irreechaa Arfaasaa Godina Jimmaa Tuulluu Beegiittii Sirna ho’aa ta’een kabajamee.

(Gabaasa Qeerroo Jimmaa Caamsaa 12,2013) Sagantaan kabajaa  Ayyaanaa Irreechaa kunis akkuma beekamuu kadhannaa Waaqaa Jaarsooliin Oromoo akka hangafummaa isaaniitti caarraa Gadaa fi hangafummaa hedachaa jalqaba irraatti kadhaa waaqaan egalame.

sirnna kadhannaa waqaa manguddootni Oromoo yeroo gaggeessaan ” Hayyee yaa Waaq nu dhaga’ii , kan hidhamee nuu hiikii, kan biyyaa ba’ee biyyaattii nu deebiisii, mirgaa nuf keennii, biyyaa kan abbaa biyyaa godhii, tokkummaa fi jaalaalaa Oromummaa keenyaan waliitti nu jaalaadhuu Oromoo tokkoo godhii,” jedhuu fi kkf jechuun egalan.

Ayyaanaa kanaa Ilaalchiisuun Ijoolleen Oromoo godinaalee Oromiyaa garaaaraa irraa dhufuun irraatti argamuun midhaginaa Ayyaanichaa akka malee dabaluun kabajachaa oolaan, Ayyaanaa Irreechaa kana irraatti Ummaannii Oromoo Kumatamaan lakka’amuu argamuun kabajataan.

Ayyaanaa Irreecaa kana ilaalchisuu Mootummaan Wayyaanee humna waraanaa poolisotaa isaa heddumminaan bobbaasee jeequuf sodaachiisuuf yaalii guddaa taasisuuyyuu uummaannii Oromoo keessaattuu dargaggoonni Oromoo tokkummaa fi gootummaan duraa dhaabbaachuun eenyuummaa fi maalummaa Oromoo dinaatti argisiisaan, utumaa basaastootnii abbaa irree fi poolisonnii abbaa irree lafa dhiphiisanii Qeerroon dargaggoonni Oromoo WBO boonnaa, ABO boonnaa, Leencaa boonnaa, Qeerroo boonnaa Oromiyaa boonnaa, Tokkuummaa boonnaa, Oromoo fi Oromummaa boonnaa jechuun diinaa isaan duraa dhaabbaachuuf baatee aafan qabachiisaan.

Kana malees walleen warraaqsaa kanneen akkaa sirbotaa Eebbisaa  Adduunyaa, Hirphaa Gaanurree, Haayiluu Kitaabaa, fi sirboonnii akka Kormaa guduruu Oromoon, ABO’n, Qeerroon, WBO’n  leencumaa duruu jechuun hanga dinnii ilmaan Oromoo fi firrii Ilmaan Oromoo dhaga’ee ajaa’ibsiifatuttii  guutummaa magalaa Jimmaa keessaa naannaa’uun Warraaqsaa gageeffaatan garbummaa balaaleeffaatan bilisummaa leelliffatani. addaatti immoo basastotaa maqaa ishee waamuun balaleeffatan.

Barruuleen Warraaqsaa gaaffii mirga abbaa biyyuummaa sarbamuu mirga namommaa fi dimookiraasii, sarbamuu mirga amantii fi kkf of irraa qaban haalaa dhugaa Oromoo fi mirga Oromoo kabachiisuun danda’amuun barreefaamanii guutummaa goodinaa jimmaa keessaa keessaattuu magalaa jimmaa keessaatti bittinneeffaaman, kana ilaalchiisuun gabaasa dabalataa qabnu keessaatti dhiyeessina.

Sochii uummataa Oromoo kanaa irraa ka’uun mootummaan abbaa irree wayyaanee kan biyyattii keessaatti mirga dhala namaa,mirga dimookiraasii, mirga amantaa Waqeeffaannaa sarbee umrii angoo isaa dheereffaachuuf jiraatu, dhiphinaa keessaa seenuun oliif gadii rafamuun uumataa gooluuf yaaliin godhamaa turee tokkuummaa qeerroo dargoggootaa Oromootiin fashalaa’e.

uummaannii Oromoo ifaan ifaattii tokkuummaa isaa jabeeffaatee diinaa fi gantootaa isaatti eenyummaa isaa argisiifachuun, haala baayee miidhagaa fi simboo qabeessaa ta’een ayyaannii irreechaa Arfasaa Tulluu Beegiitti kabame.

Leave a comment