Qeerroon Bilisummaa Diddaa Sirna Wayyaanee Dhageessisuu Itti Fufe

Caamsaa 07,2013 Finfinnee

Qeerroo OromiyaaQeerroon Bilisummaa naannoo Finfinnee jiraatan Irreecha Arfaasaa ilaalchisuun Caamsaa 07,2013 walitti dhufuun diddaa fi mormii sirna Wayyaaneef qaban walleen dhageessisan. Wallee warraaqsaa Sochiii Qeerroo faarsuu fi bilisummaa ummata ofiif jedhuun dhaamsa dabarfataa turan.Haala kana dhaamsuuf poolisoonni Wayyaanee heddumminaan itti bobba’an iyyuu diddaa fi iyyi dargaggoota Oromoo hammaachuu irraan Poolisoonni yeroof sodaan tasgabbaawanii akka jiran gabaasi Qeerroo addeessa.
Qabsoon itti fufa! Gabarummaan ni kufa!

 Sagaleen dhagahuuf as tuqa:- 

Leave a comment