Qeerroon Oromoo Yuuniversitii Hawaasaa fi Qeerroon Sidaamaa Walitti Dhufuun Ebla 15, GGO Haala Dinqisiisaan Kabajatan.

Hub:- Gabaasi kun suuraa fi Videon waan jiruuf nageenyaaf jecha hin maxxanfamne.

Ebla 16,2013 Hawaasaa.

Baratoonni oromoo mooraa yuunivarsiitii hawaasaatti argamnu sababa bobaa diinaa jala jirruuf guyyicha haala fedhii keenyan kabajuu bannus hanga danda’amee barattoonni mooraa guddichaa fi barattoonnii mooraa saayinsii fayyaatti argaman waliin taanee tokkummaadhaan mooraa saayinsii fayyaa keessaatti haala nama boonsuun guyyaa kaleessaa ayyaanicha ayyaaneffannee jirra.Ayyaanichi akkuma Oromoon bara duriis ta’ee har’as sagantaa isaa kamiiyyuu   eebba maanguddoon banatu sagantaan keenyas eebba maanguddoon eegalamtee jirti.Itti aansuun sagantaa dungoo qabsiifannaatu itti fufe.

Akkuma beekamu nuti ilmaan Oromoo hanga bilisummaa keenya gonfannee alaabaa keenya fannifannutti guyyoota akkanaa kana dungoo bifa diimaa,magariisa diimatiini fi waraqaalee dhaadannoo tokko tokko bifa alaabaan barreesinee maxansuudhan hawwii keenya mul’ifanna.Saganticha irratti haala ayyaanichaa ilaalchisee namootni tokko tokko yaada akkas jedhu laatan; Guyyaan kun guyyaa yaadannoo jaallan keenya bilisummaa saba isaanif jecha itti wareegamaniiti, nuti immoo asitti walitti qabamnee seenaa gootota wareegamanii kana qofa walitti himnee gargar facaana osoo hin ta’in gumaa jaallan keenyaa kana haala akkamiin yoo sochoone baasuu dandeenya kan jedhu irratti akkas jechuun irra ejjetanii biradarban; nuti osoo dhimma dhuunfan, amantii fi lagaan wal hin qoodin irree tokkummaatin gumaa jaallan keenyaa baasuuf irbuu waliif seenna jedhan.Hirmaattota sagantichaa keessaa jaalli tokko jecha gootichi oromoo Maammoo Mazammir dubbate irra deebi’ee dubbachuun haasa’a isaa goolabe Dhiigni koo har’a ragaa sobaan dhangala’e kun cal jedhee kan dhangala’e osoo hin ta’in kabajamummaa mirga ummata oromootifi. Gumaan koo lafatti hin hafu jabina qabsoo ilmaan oromootiin gumaan koo ni baati.

Saganticha irratti sirboonni siyaasaa fi walalooleen onnee namatti horan hedduun dhiyaatanii jiru.Waraqaaleen warraaqsaa hedduun bifa hallutin barreeffamanii galma sagantichi itti qophaa’e keessatti maxanfamanii jiru. Haata’u malee akka karoora keenyatti barruulee warraaqsaa kana mooraa yuunivarsiitichaa keessatti illee maxansuuf ture garuu barattooni saganticha irratti hirmaatan hedduun isaanii sababbii eeggumsa jala jiraniif osoo irratti walii hin galamin hafee jira.

Barattoonni Hawaasaa Yuunivarsiitiii mooraa lamaan irraa walittidhufan gara fuulduraatti maal hojjechuu akka qaban ibsa ejjannoo haala armaan gadiitti lafa kaa’achuuf yaalanii jiru:

1,Tokkummaa barattoota oromoo mooraa yuunivarsiitichaa keessatti argaman cimsanii itichuuf qixa kamiinuu tooftaa mataa isaanii fayyadamanii akka socho’uu qaban walii galanii jiru.

2. Qabsoon bilisummaa oromoof jedhee oromootaan qabsiifame hanga kaayyoon ummatichaa galma ga’utti dhaamuu akka hin qabnee fi qabsoo tana finiinsuf immoo gita kamiinuu wareegama qaqqaalii kafaluun malu kamiiyyuu kafaluuf kutannoo fi murannoo qaban kakuu walii galuun raggaasifatanii jiru.

3. Adeemsa ijaarsa mandhee keessatti namni maallaqa garmalee jaallatuufi namni araada garagaraa qabu gara miseensummaatti akka hin dabalamne cimsanii walhubachiisanii jiru. 4.Buusii ji’aa kan warra ijaarsaa irraa eegamu  ji’a ji’aan buusuf murteeffatanii jiru.

5.Ijoolleen bara kana eebbifaman immoo gaafa eebbifamanii moorichaa bahanis sabboontota mooraa keessatti hafan yaadanis ta’ee maallaqaan hanga humni isaanii isaanif eeyyameen gargaaruf waadaa galanii jiru.

Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!

Walaloo Qeerroo Sidaamaa :-

Walaloo Qeerroo Oromoo:- 

Leave a comment