Hagayya 05,2012 Midaqanyii
Godina Shawaa dhihaa Aanaa Midaa Qanyii keessatti baratoonnii Oromoo University fi dhabbilee barnotaa Olaanaa garagaraa irraa baraachaa turaan qajeelfamaa Mootummaa Wayyaanee hin fudhannuu jechuun Gaaffii Mirgii Hiree Murteeffaannaa Ummataa Oromoo Haa kabajamuu barreeffaamaa jedhuu facaasuun aangawoota Wayyaaneen naannichaa raasaa jiraachuun gabaafame, haalaa kanaa sodaachuun OPDO’n Onaa Midaa Qanyii baratootaan hojii misoomaa waliin hojjeennaa jechuun baratootaa sossobuuf yaaliin isaan godhan illee baratoonnii bara mootummaan abbaa irree ummataa keenyaa irraa ka’uu, fi hireen uummataa keenyaa murteeffamuu waan hundaa iyyuu ni hojjeennaa ammatti yeroon keenya yeroo warraaqsa bilisummaa fi walabummaa biyya keenyaati malee dhadessa imaammata Wayyaanee miti jechuun lukkeelee Wayyaanee salphisuun dhagahame.
Kanuma waliin naannoo kanatti barattoota sochii warraaqsaa keessa turan garii maallaqaan bitachuuf hawwanii ummata akka basaasan gochaa jiraatan illee tarkaanfii Qeerroon barattoota kana irratti fudhateen gantooti garii naannicha dhiisanii baqatanii akka jiran gabaafama.
Gama biraan Hagayyaa 2/2012 Onaa Diggaa Saasiggaa irraa Barsiisaa Mana Barumsaa Qaaccaa Sadarkaa 1ffaa kanta’ee barsisaa Zaalaleem Hundarraa Baatii badii tokkoo malee humna poolisaa Federaalaatiin ukkaafamee manaa hidhaa Maa’ikalaawwiittii darbatamee jira, Uummaannii Onaa Diggaa Saasiggaa yeroo ammaa kanaa barsiisaa Zalaleem Hundarraa Baatii daddaffiin akka nuu gadhiiftan,lafa inni itti hidhames akka nu beeksiftan bulchitotaa nannoo Onaa sanaa irraattii diddaa fi gaaffii mirgaa akka kaasaa jiran qeerroon gabaasa.