Adoolessa 13,2012 Gabaasa Qeerroo Finfinnee
Akkuma beekame armaan dura haala walgahii barsiisota Finfinnee ilaalchisee qoondaalota Wayaaneen gaggeeffamaa jiru gabaasuun keenya ni yaadatama. Walagahiin qondaalota TPLf ol-aanoo ta’aniin gaggeefamu kun hanga Adoolessa 12,2012 itti itti mormii guutuun itti fufee waan tureef haalli kun gara mootummicha sodaachisuutti waan deemeef jecha walgahichi arrabsoo fi doorsisaan akka dhaabbatu ta’ee jira.
waraabbii Walaghiin kun Mana barumsaa sadarkaa 2ffaa fi Qoophaayinaa;-Kaffitanyaa 12, Kookab Atsibaa fi Biran Guzoo bakka jedhamutti yeroo ta’u Qondaalotiin Wayyaanee bebbeekamoo fi hojii dabballummaa Wayyaanee keessatti kanneen beekamoo ta’an
1. Gebrahiwot Hagos-qondaala olaanaa kutaa magaalaa Yakkaa fi hogganaa dhimma nageenya naannoo;
2. Zelaalem Tesfaa-Hoogganaa dhimma ispoortii fi dargaggoota magaalaa Yakkaa;
3. Birhaanuu Damee-hoogganaa Aadaa fi Tuurizimii kutaa magaala yakka
Waraabbii 2 Barsiisotii fi qondaaloti Wayyaanee kun walgahii irratti walii galuu dhabnaan huma poolisaa fiduun galma walgahiichaatti marsanii yeroo dhaaban,barsiisota gaaffiilee mirgaa dursa kennanii kanneen gaafataniif deebiin keennamaa ture isin ergama ABO kanneen qabdanii fi warri sirna nafxanyaaf hawwii qabdan meeshota dhuka’oo kan akka Fanjii, Boombii,Kilaashii hin qabdan malee isin keessa miseensooni ABO akka jirtan sirriitti isin beekna, tarii meeshota kana tokkoon tokkoon keessan utuu mana keessan sakattaanee argachuu dandeenya, jechuudhaan aarii guddaa dhaan barsiisota kana harrabsaa akka oolan miseensotiin Qeerroon walgayii sana hirmaataa turan gabaasanii jiru.Walaghichis bu’aa tokko malee guutuutti fashale.
Suuraan walgahii kana irraa ka’e qulqulluu ta’uu baatus sagaleen haala walgahichaa waraabame dheeraa waan ta’eef hamma tokko kana waliin maxxansinee jirra. Waraabbii 3
Qabsoon Itti Fufa! Gabrummaan ni kufa!!