Diddaan Qeerroo Itti Fufee Barattooti Oromoo Manneen Barnootaa 15 Irraa Hiriira Bahan

Ebla 30 bara 2012 ,Barattootni Oromoo Wallagga bahaa manneen barnootaa garaa garaa Shira Mootummaan Wayyaanee xaxeen qe’ee irraa buqqa’uun ilmaan oromoo haa dhaabbatu jechuun hiriira nagaa bahan!.
Haala kanaan Godina Wallaggaa bahaa mannen barnootaa garaa garaa keessatti barattootni Oromoo qe’ee irraa buqqa’uu fi shira mootummaa wayyaaneen ajjeefamuun ilmaan oromoo haa dhaabbatu jechuun hiriira nagaa bahan.Barattootni oromoo Manneen barnootaa
1. Haroo Limmuu sad.2ffaa fi qophaa’inaa
2. Kalalaaa sad 1ffaa fi 2ffaa
3. Kusaayee sad 1ffaa fi 2ffaa
4. Sagiroo sad 1ffaa fi 2ffaa
5. Bariso sad 1ffaa fi 2ffaa
6. Qarsaa sad 2ffaa
7. Boolloo sad 2ffaa
8. Sugee sad 2ffaa
9. Dambii sad 2ffaa
10. Birphoo sad 2ffaa
11. Lalisaa sad 2ffaa
12. Gabaa Ayyaanaa sad 2ffaa fi qophaa’inaa
13. Baddeessaa sad 2ffaa
14. Birmajjii sad 2ffaa fi
15. Daamme sad 2ffaa
Keessatti baratan waamicha walii dhaga’uun sagalee tokkoon mootummaan wayyaanee shira bara baraan dalaguu fi dalagaa jiru ni mormina,Qe’ee irraa buqqa’uun ilmaan Oromoo haa dhaabbatu,Gaaffiin ilmaan Oromoo deebii haa argatu jechuun hiriira nagaa bahanii jiran.Barattootni Oromoo kunneen Alaabaa ABO qabachuunii fi faarsuun ABO dhaaba siyaasaa ilmaan oromoo tahuus ibsanii jiran.Uummatni naannoo kanaas barattootatti makamuun gammachuu isaa ibsuun dhaadannoo waliin dhageessisanii jiran.Mootummaan wayyaanees kana dura dhaabbachuu dadhabuun waraana Federaalotaa fi Poolisa Oromiyaa konkolaataan guutee Wallaggaa bahaa aanolee garaa garaa keessummaa bakkeewwan manneen barnootaa kanatti bittinsee jira.Gaaffiin keenya deebii hin argatu taanaan hiriirri keenya daran kan jabaatudha jechuun ibsuun uummatni oromoo tumsa barbaachisaa akka godhu waamicha dabarfatanii jiran.

Leave a comment