Sababa Oromummaan Dhiibbaan Barattoota Oromoo Yuunivarsiitii Miizan Teeppii irraan gahaa jiru daran hammaate!‏

Ebla 08,2012 Gabaasa Qeerroo Miizaan Teeppii

Miizaan TeeppiiDabni Mootummaan Wayyaanee barattootaa fi dargaggoota Oromoo irrratti raawwachaa jiru kam bara kamuu caalaa hammaachaa jira.Yuunivarsiitii Miizan Teeppii keessatti mootummaan Wayyaanee gaaffii walii gala barattootni yuunivarsiitichaa bulchinsi yuunivarsiitii fi tajaajilli yuunivarsiitii keessatti kennamu madaalawaa haa tahu jechuun gaafatan gaaffiin kun gaaffii ilmaan Oromoo duwwaadha,Gaaffiin akkanaas gaaffii ABOti jechuun qabxii barnootaa barattoota Oromoo irratti dhiibbaa addaa uumuun alatti foddaa mana nyaataa Yuunivarsiiticha keessaa ilmaan habashootaa fi waraanaan cabe barattoota Oromootu cabse jechuun waraqaa eenyummaa barattoota kanneen irraa funaanuun akka dallaa yuunivarsiitii gadhiisan gootee jirti. Dararama kana keessatti

1.       Barataa Eeliyaas Taaddasaa Baqqalaa muummee Civics waggaa 1ffaa

2.       Barataa Nabiyyuu Mangashaa Muummee Civics waggaa 1ffaa fi

3.       Barataa Lammeessaa Dabalaa

Jedhaman hedduu rakkamuu irratti argamu.Dhiibbaan yuunivarsiitii kana keessatti sababa Oromummaan bara baraan gahaa jiru hammaachaa kan dhufee fi yeroo ammaa basaastotnii fi waraanni mootummaa Wayyaanee uffannaan barattoota fakkaatanii nyaata barattoota waliin akka nyaachaa jiran Qeerroo ifa godha.Barattootni Oromoo yuunivarsiitii Miizan Teeppii dhiibbaan sababa Oromummaan jabaachaa waan dhufeef ilmaan Oromoo akka nuu birmattan jechuun dhaamsa dabarsu.

Bara darbe hundeefamuu Qeerroon wal qabatee Yuuniversity Miizaan Teeppii keessatti waraanaanni mootummaa Wayyaanee barattoota hedduu rasaasaan reebee qaama isaanii hojii ala akka godhee turee fi kaan amma illee barnootatti kan hin deebine tahuun beekama.

1 thought on “Sababa Oromummaan Dhiibbaan Barattoota Oromoo Yuunivarsiitii Miizan Teeppii irraan gahaa jiru daran hammaate!‏

Leave a comment