Bitootessa 08,2012
Diddaa qonnaan bultootii fi dargaggoonni Oromoo Godina Wallagga bahaa keessatti yeroo dheeraaf itti jiran dura dhaabbachuuf jecha dabballootni mootummaa Wayyaanee Godina Wallaggaa bahaa aanolee garaa garaa keessatti diddaa uummata itti jabaachaa dhufe waraana gama Goojjamiin gara Wallaggaatti seenaa jiru waliin wal tahuun uummata irratti goolii uumaa jiru.
Uummatni Godina Wallagga bahaas marii ykn walgahiilee dabballooti Wayyaanee yaaman guyyuu fashalchiisuu fi qonnaan bultooti ajaja bittootaa fudhachuu didanii maanguddoota biyyaan bulchiisa mataa isaanii taliigachuun Mootummaa Wayyaaneef mataa dhukkubbii itti ta’ee jira. Haala kanaanis Ergamaa wayyaanee nama Hordofaa jedhamu gaafa Jimaataa 03/03/2012 konkolaataa inni ittiin ummata keessa deemutti karaa cufuun uummatni naannoo san irraa baqatee akka deemu godhanii jiru. Namtichi ergamaan kun naannoo sanitti kan deebi’ee ummata doorsisu yoo ta’es tarkaanfiin laalessa akka irratti fudhatmu qeerroon addeessee jira.
Haaluma wal fakkaatuun Guyyaa Bitootessa 05,2012 walgahii aanaa Giddaa magaala Galiilaa keessatti qopheessite irratti qondaalli ergamtoota Wayyaanee Girma Amantee fi Kaffaalee kannnen jedhaman argamuun diddaa ummataa tasgabbeessuu fi dhimma nagaa barsiisuu sababaa jedhuun yeroo bakka walgahii gahan uummatni irratti argamuu diduun walgahichis akka fashalu taasifamee jira,haala kanaan ummati walgahicha hin seennu jedhe OPDOn ergamtuu dha.Wayyaaneen nu hin bulchu.Dhaabi haqaa ABOn hanga dhufu diddaan keenya itti fufa jechuun magaalaa keessatti dhadannoo dhageessisaa turan.
Naannoo Wallagga bahaatti mootummaa Wayyaanee waliin wal tahuun sochii warraaqsa Oromoo dura kanneen dhaabbatan dabballoonni Wayyaanee:-
1.Mangistuu Alamaayyoo itti gaafatamaa dhimma nageenyaa aanaa Giddaa
2.Geetachoo Gammadaa Poolisii godina wallagga bahaa
3.Hundumaa Likkiisaa barreessaa dhimma nageenyaa aanaa Giddaa
4.Shallamaa itti gaafatamaa dhimma nageenyaa godina wallagga bahaa dhalootaan Tigiree kan tahee fi
5.Dabballee Wayyaanee Obbo Hordofaa jedhamu kan caffee Oromiyaa irraa dhimma nageenyaa godina wallaggaa bahaa mariisisuuf dirqama fudhate dha.
Yeroo tahan,Qeerroon jarri kun gochaa isaanii kana irraa akka dhaabbatan akeekachiisee jira.Akeekachiisa dargaggoonni Oromoo kennaniifii irra taranii sochiilee warraaqsaa kamiinuu Oromoon gudhu dura ni dhaabbatu taanaan tarkaanfii gochaa isaaniin madaalu qeerroon akka kennuufiif deemu ifatti itti dhaamanii jiru.
Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!!
Namoota oromoo hacuucuu fi gooluun beekaman ummataaf ifa gochuun baay’ee barbaachisaa dha. Yoo dandaa’ame maqaa isaanii suuraa fi balleessa hojjetan ilaalchisee ragaa wajjin interneetii irratti facaasuun barbaachisaa dha. Faayidaan isaas
1ffaa. Adda baasanii tarkaanfii irratti fudhachuuf tola
2ffaa. Dabballoonni wayyaanee kkuun kana irraa barumsa argattee sodaachuu dandeesse
3ffaa. Bor seera duratti gaafachuuf akka ragaa ta’a
haleellaa gaarii dha! dacheen oromiyaa ummata oromoo ilamaan isheef baratti baratti qabeenya ishee gaariin soorte hin jirtu.
bara irraa baratti halagaaf duwwaa dha .ummatni oromoo garuu hiyyumatti waxalamaa jira kunis dhala irraa dhalattti rakkoo fi iyyuma walii dabarsuu dha .
kuni hamma yoomitti?
qabsoo keenyaan dargaggoo cinaa dhaaabachuun jabaachuu qabna.
international community yookiin UN kan jedhamu haala ilaallatee deema malee kan biroo hin jiru.
kan biroo yeroo ammaa kana biyyoota ambaa tti maqaa qabsoo bilisummaa oromoo (ABO) erga biyyaa bahanii wayyanee wajjin walii galauun tuutaan keessumaa naannoo finfinneetti mana ijaarachuun akka sardamaa fi ummata oromoo halka qaleéessa ariiúun haala seera qabeessa hin taaneen akka raawwachaa jiran beektuu laata?garuu maqaa ABO tiin iyyata galchuun baqatummaan gara biyya faranjiitti ceeúun qabsoo oromoo dhiisuun wayanee wajjin quunnamtii cimsachuun qabeenya horachaa jiru .ega ummata oromoo warra carraa kana dhabanii mootummaa halagaan reebama,duáa wara jiran maal haa taáni ree?kuni ega lammi halaga duwwaa utuu hin taíin yeroo ammaa kana oromoon tokko tokko gidira lammii isaanii itti hin dhagahamiin kan kana raawwatan xiyyeeffannoo fi akka hojii akkasii dhaaban kan barbaachisu dha .gochaa isaanii ragaa qabatamaa fi eenyu akka taán beekamu dandaáma
nagaatti
GOOLEE