Wayyaaneen labsa gamtaa Qeerroo fi OPUCC facaase arguun barattooti University Ambo akka Mooraa gadhiisanii maatii isaaniitti galan taasise.

(Qeerroo, Amboo, Amajjii 23, 2012) Baratoonnii Mooraa University Amboo waggaa 2ffaa fi isaa Ol baratan humnaan dirqiisifamanii mooraa gadhiisanii akkaa bahaan taasifaman.

Haala kanaan horii qabattanis qabaachuu baatanis baajanni baatii tokkoof ittin isiin tursifnuu waan gara sportitti naanna’eef gara matii keessaanitti akka deebitan jechuun bulchiinsi University Amboo baratoota mooraa gadhiisise.

Haala kanaan walqabatee barattoonnii fageenyaa kallaattii biyyaatti garagaraa irraa dhufaan waan ittin gara matii deemaan, waan nyaataani fi bishaan dhugaan,bakka bultii, dhabanii rakkina guddaa irraatti kufani jiru, ammatti gargaarsa uummataa magaalaa Abmoof kan jiran ta’uutu gabaafame.

Uummaannii gochaa kun dargaggootaa fi ummata Oromoo waan aarsee jiruuf jecha fincilli diddaa gabrummaa jabaatee akka itti fufuuf waamicha gamtaa Qeerroon dhiheesse bakka hundatti iddoon gahuuf qeeroleen muratoo tahuu ibsan.

Kana malees Amajjii 22,2012 Godinaa Bahaa Wallaaggaa Onaa Haaroo Limmuutti Ummaanni FDG itti fufee, Wayyaaneen qabeenyaa keenya saamtee, ummataa keenyaa Qee’ee isaa irraa buqqistee, baratooa keenyaa barnoota irraa ariitee,hiitee,Ajjeeste, bosonaa keenyaa gubdee mancaastee,Mirgaa namummaa nu sarbitee nu hin bulchiitu.

Wayyaaneen shororkeestuudhaa jechuun uummaannii magaalaa Haaroo Limmuu keessaatti bakkaa kaabinoonnii OPDO Onichaa jiranitti sagaalee mormii dhageesise.

Walgahiin OPDO’n waliiti qabdee turtes sagaalee mormiin diigamee, ummaanni OPDO’n Tokkummaa Uummaataa keenyaa diigdee waan taheef attatamaan diigamtee qabsoo uummaatatti akkaa makamtuu Uummanni gaafate.

Sochii diddaa uummaataa kana ilaalchiisuun ragaan waraabamee ni jiraa waan taheef akka nu dhaqabeen dhiheessina.

Qasoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!

Leave a comment