(Gabaasa Qeeerroo, Limmuu, Amajjii 14,2012 ) Godinaa Wallaaggaa Bahaa Onaa Haaroo Limmuutti Amajjii 13,2012 humnootaa pooliisaa kan fincila bittineessaa ofiin jedhan ummaata jiraattoota magaala Haaroo Limmuuttii bobba’anii halkaniin ummata magaalaa kanaa doorsisaa fi mana irratti cabsaa dhaa nama 8 kan tahan mana hidhaatti geessan.
Haala kanatti kan aaran ummannni Oromoo jiraatonnii maagaalaa Harooo Limmuu warra halkan dhokatee ummata reebu nuti ammo ifatti guyyaa roorroo of irraa ittisuuf qophii dha jechuun Amajjii 14,2012 FDG’n uummataan cimee itti fufuun, uummaannii wal gurmeessuun kaabinoota OPDO uummaata reebsisaa jiran tarkaanfii reebichaa irraatti fudhate.
Dabballppti OPDO reebaman kunneenis magaalaa sanii baqatanii akka deeman taasisee jira.
Ummanni Oromoo naannoo jiraatu maratti doorsifamuu irraa ergamtoota Wayyaanee irratti tarkaanfii fudhatee araddaa isaa bilisa godhachuun kan yeroon gaafatu ta’uu illee sabboontoti dhaamanii jiru.
Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!