Gabaasa Qeerroo Arbaminc, Amajjii 11,2012
Mootummaan Wayyaanee sochii barattooti Oromoo (Qeerroon) goleelee Oromiyaa mara keessatti deemsisaa jiran irraa haalaan sodaa waan qabuuf jecha jeequmsa guddaa keessa galee akka jiru ifaa dha. Haala jeequmsa isaa kana irraa kan ka’e gaaffii mirgaa barattooti Oromoo fi qonnaan bultooti Oromoo gaafatan kallattiin deebii itti kennuu irra hidhuu,doorsisuu fi ajjeessuun waan isa baasu sehee haala kanaan itti fufee jira,hidhaa fi ajjechaan ammo ha’a osoo hin taane baroota Minilki irraa hanga ammaa Oromoo irraa dhaabbatee waan hin beekneef qabsoon diddaa gabrummaa kanaan akka hin dhaabatiin beekama.
Haalli yeroo ammaa University Haromaya,Adaamaa,Wallaggaa fi bakkoota adda addaa keessatti deemaa jiruun kan rifate Wayyaaneen baatii Amajjii 2012 irraa eegalee humna waraana isaa mooraa University Arbamincii bakka Paradise Lodge jedhu qubachiisee barattoota Oromoo ittiin doorsisaa jiraachuun beekame.
Barattoota Oromoo moricha barataa jiran kaan keessa dabballoota ergamtootaa naquun akka barattooti sodaan keessa galee qabsoo irraa dhaabataniif mootummaan Email fi facebook ilaalee nama qabuuf dandeettii qaba jechanii olola barataa sodaachisuu kan humnaan ol kijibaan dhaadeffame deemsisaa jiru.
Kana malees barataan akka waan biraa hin gaafanneef qormaataa fi hojii assaimanitii adda addaa itti baayyisaa kennaa jechuun bulchiinsa University saniif qajeelfama kennuun beekamee jira.
Kun kanas tahee osoo jiruu Qeerroo bilisummaa hamma galma isaa gahutti sochii irraa kan isa hin dhaabne tahuu barattooti moorichaa ni beeksisu.
Qabsoon itti fufa!