University Walayita Soddoo keessatti ergamaan Wayyaanee tokko osoo basaasuu barattoota Oromoon qabame.

Gabaasa Qeerroo University Walayita Soddoo, Amajjii 11,2012

Gootonni barattooti Oromoo University Walayita Soddoo baratan bakka tokkotti Oromummaa isaanii ta’anii rakko saba isaanii walita marihataa jiranitti  baasi Wayyaanee maqaan isaa Kadir Ahimad jedhamu barattooti kun waan haasayaa jiran dhagahee gabaasuuf bakka teessumaa yeroo dhaqutti gootonni barattooti Oromoo nama kana qabanii erga tohanno isaanii jala oolchanii booda akka baasaasa Wayyaanee tahee fi mirga Oromummaa isaanii mulquuf waan isaan haasayan jidduu seenee dhageefachuu waan barbaadeef eenyummaa keenya sarbuu dha jechuun bulchiisa University Walayta Soddotti dhiheefatanii jiru. Bulchiisi nama kana erga ilaalee booda gaaffii barattootaa kana dhaamsuuf ykn qabaneessuuf jecha namichi basaasa Wayyaanee tahe Kadir Ahimad akka harka barattootaa harkaa bahee moraa University san irraa baatii 6f akka ari’amu goona kan jedhuun kadhatanii jiraachuu gabaafame.

Barattoonni Oromoo kun haalli kun quufsaa tahuu dhabuu irraan guyyaa har’aa irraa eegalanii gaaffiilee armaan gadii bulchiisa moorichaatti dhiheefatanii jiraachuun beekame:-

  1. Mirgi ummata Oromoo eegamaa waan hin jirreef gaaffiin saba Oromoo hatattamaan deebii argachuu qaba.
  2. Qabeenyi Oromiyaa samamaa jiru amma irraa dhaabbatee ummata Oromoon tohatamuu qaba.
  3. Mirgi barattootaa bakka hundatti quqamaa hidhaa fi ajjeechaan waan nutti baayyateef  gaaffii mirgaa keenya itti fufuu qabna.
  4. Gaaffiin barattooti Oromoo University lee adda addaa keessaa gaafatan gaaffii keenya waan taheef guututi ni deggerra.

Kan jedhu gaaffii gaafatanii jiraachuu beekame.

Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!

Leave a comment