Gabaasa Qeerroo Kamise Amajjii 11,2012
Akka moggaasa Wayyaaneetti ,Godina addaa Sab-lammii Oromoo magaala Kamiseetti sabboontonni Oromoo sabboonummaa isaaniin yakkamanii hidhaatti darbaman.
Sabboontoti kun bakka hojii fi manneen barnootaa isaanii adda addaa irraa badiin tokkoon malee walgahii dhimma ABO irratti gaggeesitan sababa jedhuun qabamanii karkii fi miilli isaanii cancalaan hidhamee mana dukkanaatti geeffamanii dararamaa jiraachuu qeerroon magaalaa Kamisee irraa gabaasa.
Sabboonti maqaa ABOn yakkamanii hidhaa galan kun:-
- Barataa Aliyyii Abduu kollejjii barsiisota kamiseerraa
- Barsiisaa Gammachiis Galataa KBK irraa
- Obbo Kabbadaa Hayilee mana qopheessaa magaala kamiseerraa
- General Inspector Awwal Taajuu
- Barsiisaa Alamuu Ayyaanaa
- Barataa Getaachoo Fayisaa Mana barumsa qophaa’ina kamisee kutaa 12ffaa irraa
- Barsiisaasaa Leellisaa
- Barsiisaa Gaddafaa
- Obbo Mohaammad Ajabaa
- Barsiisaa Kaasaa Rabbirraa kolleejjii teknikaa irraa
Yeroo tahan kanneen manneen hidhaa manneen barnootaa irraa hanga ammaa qabamaa jiranii fi manneen hidhaa adda addatti geeffamaa ykn dararamaa jiran gama fuula duraatti akka jala bu’ee gaabaasu qeerroon Kamisee addeessa.