Amajjii 5,2012
Amajjii 1,2012 Guyyaan WBO barattootni Universiitii ArbaMincii haala gaariin kabajatanii oolaniiru.Universitichi Mooraawwan afur kan qabu yoo ta’u barattootni hundi akkaataa ijaarsa jaarmiyaa isaanii fi mooraa isaaniitti kabajatanii oolaniiru. Gootonni barattootni Oromoo kun guyyicha kan kabajatan MARII dhaan yoo ta’u bara kana bara injifannoo akka ta’u hawwaa gabaabaatti waliif dabarsanii ijru.
Ijoon yaadannoo guyyaa WBO kana irratti ka’anii barattoota Arbamincitti kabajatan biraa ka’anii irratti haasayame keessaa
1,Sochii Qeerroo jajjabeessaauu fi caalaatti keessatti ijaaramuun kaayyicha baakkaan gahuu
2,Barattoota sochii kanaaf bu’aa buusan adda baafachuu fi cinaa hiriirsisuu
3,Saamicha qabeenya naannoo Oromiyaa fi faalama qabeenya naannoo oromiyaa irra gahaa jiru
4,Tooftaa ittiin diinni keenya gargar nu qoodu barree diddaa fi tokkummaa keenyatti cimuu
5,Hhidhaan saba oromoo irratti baay’atee waan jiruuf qabsoo nuti goonuun akka ummanni keenya hidhaa kana irraa oolu gochuuf waan nu dandeessisu maali?
Yeroo tahu itti baha marii barattoota kanaa irraa kan argame mootummaa abbaa irree kan tahe Wayyaanee buqisanii bilisummaa fi dimokraasii Oromiyaa keessatti fiduuf qabsoo cimaa fi hadhaawaa wareegama gaafatu waan nurraa eegamuuf jabaannee qabsaawuu qofa filmaati jedhanii jiru.
Ummanni Oromoo fi qaamoliin hawaasa keenya biyya keessaa diddaa gaggeessaa jiranii fi kanneen baqatanii ala jiran hundi sochii Qeerroo Bilisummaa cinaa dhaabbatanii akka mirga saba ofiif caalaatti falmaniif dhaasa isaanii dabarfatanii jiraachuu gabaasi Qeerroo University Arbamincii irraa addeessa.
Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!