Baqattooti Oromoo jiruu hidhaa fi ajjeechaa akkasumas hiraara mootummaan Wayyeeneen ummata Oromoo irraan gahaa jiru irraa dheessanii jireenya hadhawaa biyya oromaa jiraatan degersa Qeerroof qaban dhaamsa Qeerroof dhaamaniin beeksisan.
Baqattooti Oromoo biyya Sudan jiraatani fi kanneen Libya irraa gara Tunisia itti baqatanii jiran gaafa Amajjii 1,2012 Ayyaana guyyaa WBO gaggeefatan irratti ibsa ejjennoo degersa Qeerroo bilisummaaf qabaniin beeksisanii jiru.
Qeerroon bilisummaa Oromiyaa jirru degersaa kanaaf galatooma jechaa ejjennoo isaanii kana Qeerroolee Oromiyaa jiraatan maraan akka dhaqabsiifnu taasifna.
Qabsoon hanga bilisummaatti!



