Gaafa Amajjii 3,2012 Mooraa University Wallaggaa keessatti FDG qabate

Amajjii 04,2011

Gootonni barattoota Oromoo gaaffii mirgaa fi lammummaa akkasumas rakko kufaatii dinagdee Oromiyaa fi saamicha lafaa,hidhamuu fi mirgi barattootaa sarbamuu irraan kan ka’e gaaffii diddaa isaanii qabatanii moraa University Wallaggaa keessatti Amajjii 3,2012 hiriira bahan kun waajjira bulchiisa Univeristicha fuula duratti waliitti qabamuun dhiibbaa kaadironnii Wayyaanee irraan gahaa jiranii fi gaaffii mirgaa Oromoo dhiheefachuuf jecha mormuun sagalee mormii dhageesisaa olanii jiru.

Gama biraan Barattoonnii waggaa sadaaffaa dipartimantii saaykolojii baratan bajannii shaakalaa(practice)f qabameefii gara gara hojii siyaasaa Wayyaaneettii jalaa waan nannan’eef, qabeenyaa dhuunfaa keessaaniin shaakala(practice) baatuu jedhaamee itti himamee waan jiruuf sagalee mormii dhageessisaa turan keessattis rakkoo kana gahaatti dhageessifatnii jiru. Kana malees malees ammaan dura mooraa University kana keessaatti barattoota Oromoo tahan Oromummaan arrabsamanii,karaa seeraa warra arrabse san himannaan ” Baga arrabsamtan” kan jedhuun bulchiinsi moorichaa baratoota doorsisaan himmannaa isaanii gara dhabsiisee jira,ammos himannaan kun itti fufee waan jiruuf kanneen Oromummaan arrabsamne jettan yoo jiraattan mooraa University keessaa akka arihamtan isin akeekachiifna jechuun doorsisaa jiraachuu Qeerroon University Wallagaa irraa gabaasa.

Sababaa gaaffii barattootaa irraa kan ka’u mootummaan Wayyaanee baajeta nyaataa University hunda irraa kutee barattoonnis beelaan dararamaa akka jiran beekamaa dha.

Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!

Leave a comment